< Faarfannaa 114 >
1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
When Israel departed from Egypt, the house of Jacob from a people of foreign tongue,
2 Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa, Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
Judah became God’s sanctuary, and Israel His dominion.
3 Galaanni argee baqate; Yordaanosis duubatti deebiʼe;
The sea observed and fled; the Jordan turned back;
4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa, gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
the mountains skipped like rams, the hills like lambs.
5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte? Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
Why was it, O sea, that you fled, O Jordan, that you turned back,
6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
O mountains, that you skipped like rams, O hills, like lambs?
7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
Tremble, O earth, at the presence of the Lord, at the presence of the God of Jacob,
8 inni kattaa gara harootti, kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.
who turned the rock into a pool, the flint into a fountain of water!