< Faarfannaa 114 >
1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
Pamene Israeli anatuluka mu Igupto, nyumba ya Yakobo kuchoka ku mtundu wa anthu a chiyankhulo chachilendo,
2 Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa, Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
Yuda anasanduka malo opatulika a Mulungu, Israeli anasanduka ufumu wake.
3 Galaanni argee baqate; Yordaanosis duubatti deebiʼe;
Nyanja inaona ndi kuthawa, mtsinje wa Yorodani unabwerera mʼmbuyo;
4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa, gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
mapiri analumphalumpha ngati nkhosa zazimuna, timapiri ngati ana ankhosa.
5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte? Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
Nʼchifukwa chiyani iwe unathawa? iwe mtsinje wa Yorodani unabwereranji mʼmbuyo?
6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
inu mapiri, munalumphalumphiranji ngati nkhosa zazimuna, inu timapiri, ngati ana ankhosa?
7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
Njenjemera pamaso pa Ambuye iwe dziko lapansi, pamaso pa Mulungu wa Yakobo,
8 inni kattaa gara harootti, kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.
amene anasandutsa thanthwe kukhala chitsime, thanthwe lolimba kukhala akasupe a madzi.