< Faarfannaa 112 >
1 Haalleluuyaa. Namni Waaqayyoon sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
Msifuni Bwana. Heri mtu yule amchaye Bwana, mtu yule apendezwaye sana na amri zake.
2 Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
Watoto wake watakuwa wenye uwezo katika nchi, kizazi cha watu waadilifu kitabarikiwa.
3 Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
Nyumbani mwake kuna mali na utajiri, haki yake hudumu milele.
4 Nama tolaa fi arjaadhaaf, gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
Hata gizani nuru humzukia mtu mwadilifu, yule mwenye rehema, huruma na haki.
5 Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.
Mema yatamjia mtu yule aliye mkarimu na mwenye kukopesha bila riba, anayefanya mambo yake kwa haki.
6 Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu; namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
Hakika hatatikisika kamwe, mtu mwenye haki atakumbukwa milele.
7 Inni oduu hamaa hin sodaatu; garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.
Hataogopa habari mbaya, moyo wake ni thabiti, ukimtegemea Bwana.
8 Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus; dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
Moyo wake ni salama, hatakuwa na hofu, mwishoni ataona ushindi dhidi ya adui zake.
9 Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
Ametawanya vipawa vyake kwa ukarimu akawapa maskini; haki yake hudumu milele; pembe yake itatukuzwa kwa heshima.
10 Namni hamaan waan kana argee aara; ilkaan isaa qara; baqees ni bada; hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.
Mtu mwovu ataona na kuchukizwa, atasaga meno yake na kutoweka, kutamani kwa mtu mwovu kutaishia patupu.