< Faarfannaa 111 >

1 Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
Msifuni Bwana. Nitamtukuza Bwana kwa moyo wangu wote, katika baraza la wanyofu na katika kusanyiko.
2 Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
Kazi za Bwana ni kuu, wote wanaopendezwa nazo huzitafakari.
3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
Kazi zake zimejaa fahari na utukufu, haki yake hudumu daima.
4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
Amefanya maajabu yake yakumbukwe, Bwana ni mwenye neema na huruma.
5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
Huwapa chakula wale wanaomcha, hulikumbuka agano lake milele.
6 Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
Amewaonyesha watu wake uwezo wa kazi zake, akiwapa nchi za mataifa mengine.
7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
Kazi za mikono yake ni za uaminifu na haki, mausia yake yote ni ya kuaminika.
8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
Zinadumu milele na milele, zikifanyika kwa uaminifu na unyofu.
9 Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
Aliwapa watu wake ukombozi, aliamuru agano lake milele: jina lake ni takatifu na la kuogopwa.
10 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.
Kumcha Bwana ndicho chanzo cha hekima, wote wanaozifuata amri zake wana busara. Sifa zake zadumu milele.

< Faarfannaa 111 >