< Faarfannaa 111 >

1 Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
Alleluia. I will give you thanks, O Lord, with my whole heart, in the council of the upright, and [in] the congregation.
2 Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
The works of the Lord are great, sought out according to all his will.
3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
His work is [worthy of] thanksgiving and honor: and his righteousness endures for ever and ever.
4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
He has caused his wonderful works to be remembered: the Lord is merciful and compassionate.
5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
He has given food to them that fear him: he will remember his covenant for ever.
6 Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
He has declared to his people the power of his works, to give them the inheritance of the heathen.
7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
The works of his hands are truth and judgment: all his commandments are sure:
8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
established for ever and ever, done in truth and uprightness.
9 Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
He sent redemption to his people: he commanded his covenant for ever: holy and fearful is his name.
10 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.
The fear of the Lord is the beginning of wisdom, and all that act accordingly have a good understanding; his praise endures for ever and ever.

< Faarfannaa 111 >