< Faarfannaa 110 >
1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo, gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
Zaburi ya Daudi. Bwana amwambia Bwana wangu: “Keti mkono wangu wa kuume, mpaka nitakapowafanya adui zako kuwa mahali pa kuweka miguu yako.”
2 Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
Bwana ataeneza fimbo yako ya utawala yenye nguvu kutoka Sayuni; utatawala katikati ya adui zako.
3 Gaafa ati waraanaaf baatu, loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. Ati gadameessa ganamaa keessaa, surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
Askari wako watajitolea kwa hiari katika siku yako ya vita. Ukiwa umevikwa fahari takatifu, kutoka tumbo la mapambazuko utapokea umande wa ujana wako.
4 Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. Inni yaada isaa hin geeddaru.
Bwana ameapa, naye hatabadilisha mawazo yake: “Wewe ni kuhani milele, kwa mfano wa Melkizedeki.”
5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
Bwana yuko mkono wako wa kuume, atawaponda wafalme siku ya ghadhabu yake.
6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa barbadeessuudhaan sabootatti mura.
Atawahukumu mataifa, akilundika mizoga na kuwaponda watawala wa dunia nzima.
7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; kanaafuu mataa ol qabata.
Atakunywa maji katika kijito kando ya njia, kwa hiyo atainua kichwa chake juu.