< Faarfannaa 110 >

1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo, gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
Psalm of David. Jehovah said unto my Lord, Sit at my right hand, until I put thine enemies [as] footstool of thy feet.
2 Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
Jehovah shall send the sceptre of thy might out of Zion: rule in the midst of thine enemies.
3 Gaafa ati waraanaaf baatu, loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. Ati gadameessa ganamaa keessaa, surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
Thy people shall be willing in the day of thy power, in holy splendour: from the womb of the morning [shall come] to thee the dew of thy youth.
4 Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. Inni yaada isaa hin geeddaru.
Jehovah hath sworn, and will not repent, Thou art priest for ever after the order of Melchisedek.
5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
The Lord at thy right hand will smite through kings in the day of his anger.
6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa barbadeessuudhaan sabootatti mura.
He shall judge among the nations; he shall fill [all places] with dead bodies; he shall smite through the head over a great country.
7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; kanaafuu mataa ol qabata.
He shall drink of the brook in the way; therefore shall he lift up the head.

< Faarfannaa 110 >