< Faarfannaa 11 >

1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani Waaqayyotti kooluu galeera. Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.
למנצח לדוד ביהוה חסיתי--איך תאמרו לנפשי נודו (נודי) הרכם צפור
2 Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; isaan warra toloota taʼan, dukkana keessa waraanuuf jedhanii, xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.
כי הנה הרשעים ידרכון קשת כוננו חצם על-יתר-- לירות במו-אפל לישרי-לב
3 Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan maal gochuu dandaʼa?”
כי השתות יהרסון-- צדיק מה-פעל
4 Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.
יהוה בהיכל קדשו-- יהוה בשמים כסאו עיניו יחזו-- עפעפיו יבחנו בני אדם
5 Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
יהוה צדיק יבחן ורשע ואהב חמס--שנאה נפשו
6 Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi dinyii bobaʼu ni roobsa; qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.
ימטר על-רשעים פחים אש וגפרית ורוח זלעפות--מנת כוסם
7 Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef, murtii qajeelaa jaallata; toloonnis fuula isaa ni argu.
כי-צדיק יהוה צדקות אהב ישר יחזו פנימו

< Faarfannaa 11 >