< Faarfannaa 11 >
1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani Waaqayyotti kooluu galeera. Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.
Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Don busa. Ta Dawuda. A wurin Ubangiji ne nake samun mafaka. Yaya za ku ce mini, “Ka yi firiya kamar tsuntsu zuwa duwatsu.
2 Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; isaan warra toloota taʼan, dukkana keessa waraanuuf jedhanii, xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.
Gama duba, mugaye sun tanƙware bakkunansu; sun kuma ɗana kibiyoyinsu don su harbi mutanen kirki a zuciya daga cikin duhu.
3 Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan maal gochuu dandaʼa?”
Sa’ad da aka tumɓuke tushe, me adali zai iya yi?”
4 Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.
Ubangiji yana cikin haikalinsa mai tsarki; Ubangiji yana a kursiyinsa a sama. Yana kallon’ya’yan mutane; idanunsa suna bincike su.
5 Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
Ubangiji yana bincike adalai, amma ransa yana ƙi mugaye da masu son rikici.
6 Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi dinyii bobaʼu ni roobsa; qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.
A kan mugaye zai zuba garwashin wuta mai zafi da kuma kibiritu; iska mai zafi zai zama rabonsu.
7 Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef, murtii qajeelaa jaallata; toloonnis fuula isaa ni argu.
Gama Ubangiji mai adalci ne, yana ƙaunar gaskiya masu adalci za su ga fuskarsa.