< Faarfannaa 109 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ani galateeffadhu ati hin calʼisin;
למנצח לדוד מזמור אלהי תהלתי אל-תחרש
2 namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni, afaan isaanii natti banatanii jiruutii; isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru.
כי פי רשע ופי-מרמה--עלי פתחו דברו אתי לשון שקר
3 Isaan dubbii jibbaatiin na marsan; sababii tokko malees na lolan.
ודברי שנאה סבבוני וילחמוני חנם
4 Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan; ani garuu nan kadhadha.
תחת-אהבתי ישטנוני ואני תפלה
5 Qooda waan gaarii hammina, qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan.
וישימו עלי רעה תחת טובה ושנאה תחת אהבתי
6 Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi; seexannis karaa mirga isaa haa dhaabatu.
הפקד עליו רשע ושטן יעמד על-ימינו
7 Yommuu qoratamutti isatti haa muramu; kadhannaan isaas cubbuu isatti haa taʼu.
בהשפטו יצא רשע ותפלתו תהיה לחטאה
8 Umuriin isaa haa gabaabbatu, aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.
יהיו-ימיו מעטים פקדתו יקח אחר
9 Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan; niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu.
יהיו-בניו יתומים ואשתו אלמנה
10 Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan; mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman.
ונוע ינועו בניו ושאלו ודרשו מחרבותיהם
11 Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu; buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman.
ינקש נושה לכל-אשר-לו ויבזו זרים יגיעו
12 Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin, yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin.
אל-יהי-לו משך חסד ואל-יהי חונן ליתומיו
13 Sanyiin isaa haa dhumu; maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu.
יהי-אחריתו להכרית בדור אחר ימח שמם
14 Balleessaan abbootii isaa fuula Waaqayyoo duratti haa yaadatamu; cubbuun haadha isaas hin haqamin.
יזכר עון אבתיו--אל-יהוה וחטאת אמו אל-תמח
15 Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf, cubbuun isaanii yeroo hunda fuula Waaqayyoo dura haa jiraatu.
יהיו נגד-יהוה תמיד ויכרת מארץ זכרם
16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota, warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii.
יען-- אשר לא זכר עשות חסד וירדף איש-עני ואביון--ונכאה לבב למותת
17 Inni abaaruu jaallate; abaarsi sun isumatti haa deebiʼu; inni eebbisuu hin jaallanne; eebbis isa irraa haa fagaatu.
ויאהב קללה ותבואהו ולא-חפץ בברכה ותרחק ממנו
18 Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata; abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena; akkuma zayitiis lafee isaa lixa.
וילבש קללה כמדו ותבא כמים בקרבו וכשמן בעצמותיו
19 Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu, sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu.
תהי-לו כבגד יעטה ולמזח תמיד יחגרה
20 Kaffaltiin Waaqayyo warra na himatanii fi warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu.
זאת פעלת שטני מאת יהוה והדברים רע על-נפשי
21 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar; gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi.
ואתה יהוה אדני-- עשה-אתי למען שמך כי-טוב חסדך הצילני
22 Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii; garaan koos na keessatti madaaʼeera.
כי-עני ואביון אנכי ולבי חלל בקרבי
23 Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera; akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera.
כצל-כנטותו נהלכתי ננערתי כארבה
24 Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera; dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera.
ברכי כשלו מצום ובשרי כחש משמן
25 Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera; isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu.
ואני הייתי חרפה להם יראוני יניעון ראשם
26 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na gargaari; akkuma jaalala keetiittis na oolchi.
עזרני יהוה אלהי הושיעני כחסדך
27 Yaa Waaqayyo, akka wanni kun harka kee taʼe, akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan.
וידעו כי-ידך זאת אתה יהוה עשיתה
28 Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta; yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu; tajaajilaan kee garuu ni gammada.
יקללו-המה ואתה תברך קמו ויבשו--ועבדך ישמח
29 Himattoonni koo salphina haa uffatan; akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman.
ילבשו שוטני כלמה ויעטו כמעיל בשתם
30 Ani afaan kootiin guddisee Waaqayyoon nan galateeffadha; waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha.
אודה יהוה מאד בפי ובתוך רבים אהללנו
31 Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee, karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii.
כי-יעמד לימין אביון-- להושיע משפטי נפשו

< Faarfannaa 109 >