< Faarfannaa 108 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha.
Wimbo. Zaburi ya Daudi. Ee Mungu, moyo wangu ni thabiti; nitaimba na kusifu kwa moyo wangu wote.
2 Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
Amka, kinubi na zeze! Nitayaamsha mapambazuko.
3 Yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
Nitakusifu wewe, Ee Bwana, katikati ya mataifa; nitaimba habari zako, katikati ya jamaa za watu.
4 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
Kwa maana upendo wako ni mkuu, ni juu kuliko mbingu; uaminifu wako unazifikia anga.
5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Ee Mungu, utukuzwe juu ya mbingu, utukufu wako na uenee duniani kote.
6 Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris;
Tuokoe na utusaidie kwa mkono wako wa kuume, ili wale uwapendao wapate kuokolewa.
7 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera: “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
Mungu amenena kutoka patakatifu pake: “Nitaigawa Shekemu kwa ushindi na kulipima Bonde la Sukothi.
8 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti; Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
Gileadi ni yangu, Manase ni yangu, Efraimu ni kofia yangu ya chuma, nayo Yuda ni fimbo yangu ya utawala.
9 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
Moabu ni sinia langu la kunawia, juu ya Edomu natupa kiatu changu; nashangilia kwa kushindwa kwa Ufilisti.”
10 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
Ni nani atakayenipeleka hadi mji wenye ngome? Ni nani atakayeniongoza hadi nifike Edomu?
11 Yaa Waaqi kan nu gatte, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
Ee Mungu, si ni wewe uliyetukataa sisi, na hutoki tena na majeshi yetu?
12 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar, gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
Tuletee msaada dhidi ya adui, kwa maana msaada wa mwanadamu haufai kitu.
13 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.
Kwa msaada wa Mungu tutapata ushindi, naye atawaponda adui zetu.

< Faarfannaa 108 >