< Faarfannaa 108 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha.
canticum psalmi David paratum cor meum Deus paratum cor meum cantabo et psallam in gloria mea
2 Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
exsurge psalterium et cithara exsurgam diluculo
3 Yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
confitebor tibi in populis Domine et psallam tibi in nationibus
4 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
quia magna super caelos misericordia tua et usque ad nubes veritas tua
5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
exaltare super caelos Deus et super omnem terram gloria tua
6 Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris;
ut liberentur dilecti tui salvum fac dextera tua et exaudi me
7 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera: “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
Deus locutus est in sancto suo exaltabor et dividam Sicima et convallem tabernaculorum dimetiar
8 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti; Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
meus est Galaad et meus est Manasse et Effraim susceptio capitis mei Iuda rex meus
9 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
Moab lebes spei meae in Idumeam extendam calciamentum meum mihi alienigenae amici facti sunt
10 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
quis deducet me in civitatem munitam quis deducet me usque in Idumeam
11 Yaa Waaqi kan nu gatte, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
nonne tu Deus qui reppulisti nos et non exibis Deus in virtutibus nostris
12 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar, gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
da nobis auxilium de tribulatione quia vana salus hominis
13 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.
in Deo faciemus virtutem et ipse ad nihilum deducet inimicos nostros

< Faarfannaa 108 >