< Faarfannaa 107 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Mshukuruni Bwana, kwa kuwa yeye ni mwema, upendo wake wadumu milele.
2 Warri Waaqayyo isaan fure, warri inni harka diinaatii baase,
Waliokombolewa wa Bwana na waseme hivi, wale aliowaokoa kutoka mkono wa adui,
3 warri inni biyya gara garaatii, baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
wale aliowakusanya kutoka nchi mbalimbali, kutoka mashariki na magharibi, kutoka kaskazini na kusini.
4 Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
Baadhi yao walitangatanga jangwani, hawakuona njia ya kuwafikisha mji ambao wangeweza kuishi.
5 Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis; lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
Walikuwa na njaa na kiu, nafsi zao zikadhoofika.
6 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Ndipo walipomlilia Bwana katika shida yao, naye akawaokoa kutoka taabu yao.
7 Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
Akawaongoza kwa njia iliyo sawa hadi mji ambao wangeweza kuishi.
8 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
Basi na wamshukuru Bwana kwa upendo wake usiokoma, na kwa matendo yake ya ajabu kwa wanadamu,
9 inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
kwa maana yeye humtosheleza mwenye kiu, na kumshibisha mwenye njaa kwa vitu vyema.
10 Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
Wengine walikaa gizani na katika huzuni kuu, wafungwa wakiteseka katika minyororo,
11 isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
kwa sababu walikuwa wameasi dhidi ya maneno ya Mungu na kudharau shauri la Aliye Juu Sana.
12 Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
Aliwatumikisha kwa kazi ngumu; walijikwaa na hapakuwepo yeyote wa kuwasaidia.
13 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Ndipo walipomlilia Bwana katika shida yao, naye akawaokoa kutoka taabu yao.
14 Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase; foncaa isaanis gargar kukkute.
Akawatoa katika giza na huzuni kuu na akavunja minyororo yao.
15 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
Basi na wamshukuru Bwana kwa upendo wake usiokoma, na kwa matendo yake ya ajabu kwa wanadamu,
16 inni balbalawwan naasii caccabsee danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
kwa kuwa yeye huvunja malango ya shaba na kukata mapingo ya chuma.
17 Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman; sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
Wengine wakawa wapumbavu kutokana na uasi wao, wakapata mateso kwa sababu ya uovu wao.
18 Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii afaan boolla duʼaa gaʼan.
Wakachukia kabisa vyakula vyote, wakakaribia malango ya mauti.
19 Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Ndipo walipomlilia Bwana katika shida yao, naye akawaokoa kutoka taabu yao.
20 Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; awwaala keessaas isaan baase.
Akalituma neno lake na kuwaponya, akawaokoa kutoka maangamizo yao.
21 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!
Basi na wamshukuru Bwana kwa upendo wake usiokoma, na kwa matendo yake ya ajabu kwa wanadamu.
22 Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
Na watoe dhabihu za kushukuru, na wasimulie matendo yake kwa nyimbo za furaha.
23 Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
Wengine walisafiri baharini kwa meli, walikuwa wafanyabiashara kwenye maji makuu.
24 Isaanis hojii Waaqayyootii fi hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
Waliziona kazi za Bwana, matendo yake ya ajabu kilindini.
25 Inni dubbatee bubbee jabaa dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
Kwa maana alisema na kuamsha tufani iliyoinua mawimbi juu.
26 Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan; rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
Yakainuka juu mbinguni, yakashuka chini hadi vilindini, katika hatari hii ujasiri wao uliyeyuka.
27 Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
Walipepesuka na kuyumbayumba kama walevi, ujanja wao ukafikia ukomo.
28 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Ndipo walipomlilia Bwana katika shida yao, naye akawatoa kwenye taabu yao.
29 Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
Akatuliza dhoruba kwa mnongʼono, mawimbi ya bahari yakatulia.
30 Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan; haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
Walifurahi ilipokuwa shwari, naye akawaongoza hadi bandari waliyoitamani.
31 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.
Basi na wamshukuru Bwana kwa upendo wake usiokoma, na kwa matendo yake ya ajabu kwa wanadamu.
32 Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan; wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
Na wamtukuze yeye katika kusanyiko la watu, na wamsifu katika baraza la wazee.
33 Innis lagoota gammoojjii taasisee burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
Yeye aligeuza mito kuwa jangwa, chemchemi za maji zitiririkazo kuwa ardhi yenye kiu,
34 sababii hammina warra achi jiraataniitiif, biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
nchi izaayo ikawa ya chumvi isiyofaa, kwa sababu ya uovu wa wale walioishi humo.
35 Gammoojjii kuusaa bishaaniitti, lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
Aligeuza jangwa likawa madimbwi ya maji, nayo ardhi kame kuwa chemchemi za maji zitiririkazo;
36 inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe; isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
aliwaleta wenye njaa wakaishi humo, nao wakajenga mji wangeweza kuishi.
37 Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan; midhaan gaariis argatan.
Walilima mashamba na kupanda mizabibu, nayo ikazaa matunda mengi,
38 Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale; akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
Mungu aliwabariki, hesabu yao ikaongezeka sana, wala hakuruhusu mifugo yao kupungua.
39 Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
Kisha hesabu yao ilipungua, na walinyenyekeshwa kwa kuonewa, maafa na huzuni.
40 inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
Yeye ambaye huwamwagia dharau wakuu, aliwafanya watangetange nyikani isiyo na njia.
41 Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase; maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
Lakini yeye aliwainua wahitaji katika taabu zao, na kuongeza jamaa zao kama makundi ya kondoo.
42 Qajeeltonni waan kana arganii ililchu; hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
Wanyofu wataona na kufurahi, lakini waovu wote watafunga vinywa vyao.
43 Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu; jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.
Yeyote aliye na hekima, ayasikie mambo haya, na atafakari upendo mkuu wa Bwana.

< Faarfannaa 107 >