< Faarfannaa 106 >
1 Haalleluuyaa. Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Msifuni Bwana. Mshukuruni Bwana, kwa kuwa ni mwema; upendo wake wadumu milele.
2 Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu, yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
Ni nani awezaye kusimulia matendo makuu ya Bwana au kutangaza kikamilifu sifa zake?
3 Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
Heri wale wanaodumisha haki, ambao daima wanafanya yaliyo mema.
4 Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu; yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
Ee Bwana, unikumbuke unapowatendea mema watu wako, uwe msaada wangu unapowaokoa,
5 akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
ili niweze kufurahia mafanikio ya wateule wako, niweze kushiriki katika furaha ya taifa lako, na kuungana na urithi wako katika kukusifu.
6 Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
Tumetenda dhambi, kama vile baba zetu walivyotenda, tumekosa na tumetenda uovu.
7 Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti, dinqii kee hin hubanne; baayʼina araara keetiis hin yaadanne; isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
Wakati baba zetu walipokuwa Misri, hawakuzingatia maajabu yako, wala hawakukumbuka wingi wa fadhili zako, bali waliasi kando ya bahari, Bahari ya Shamu.
8 Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf, maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
Hata hivyo aliwaokoa kwa ajili ya jina lake, ili apate kudhihirisha uweza wake mkuu.
9 Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge; akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
Alikemea Bahari ya Shamu, nayo ikakauka, akawaongoza katika vilindi vyake kama vile jangwani.
10 Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase; humna diinaa jalaas isaan fure.
Aliwaokoa mikononi mwa adui; kutoka mikononi mwa adui aliwakomboa.
11 Bishaanonni diinota isaanii liqimsan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
Maji yaliwafunika adui zao, hakunusurika hata mmoja.
12 Ergasii isaan dubbii isaa amananii faarfannaadhaan isa galateeffatan.
Ndipo walipoamini ahadi zake, nao wakaimba sifa zake.
13 Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne.
Lakini mara walisahau aliyowatendea, wala hawakungojea shauri lake.
14 Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
Jangwani walitawaliwa na tamaa zao, walimjaribu Mungu nyikani.
15 Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
Kwa hiyo aliwapa kile walichoomba, lakini akatuma juu yao ugonjwa wa kudhoofisha.
16 Isaan qubata keessatti Musee fi Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
Kambini walimwonea wivu Mose, na pia Aroni aliyekuwa amewekwa wakfu kwa Bwana.
17 Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite; garee Abiiraamis gad fudhatte.
Ardhi ilifunguka ikawameza Dathani, ikawazika Abiramu na kundi lake.
18 Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe; arrabni ibiddaas hamoota fixe.
Moto uliwaka katikati ya wafuasi wao, mwali wa moto uliwateketeza waovu.
19 Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan; fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
Huko Horebu walitengeneza ndama, na kuabudu sanamu ya kusubu kwa chuma.
20 Isa Ulfina isaanii taʼe sana, fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
Waliubadilisha Utukufu wao kwa sanamu ya fahali, ambaye hula majani.
21 Waaqa isaan fayyise, isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
Walimsahau Mungu aliyewaokoa, aliyekuwa ametenda mambo makuu huko Misri,
22 Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete, hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
miujiza katika nchi ya Hamu na mambo ya kutisha huko Bahari ya Shamu.
23 Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
Kwa hiyo alisema kwamba angewaangamiza: kama Mose mteule wake, asingesimama kati yao na Mungu kuizuia ghadhabu yake kuwaangamiza.
24 Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan; waadaa Waaqni gales hin amanne.
Kisha waliidharau ile nchi nzuri, hawakuiamini ahadi yake.
25 Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; Waaqayyoofis hin ajajamne.
Walinungʼunika ndani ya mahema yao, wala hawakumtii Bwana.
26 Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
Kwa hiyo akaapa kwa mkono ulioinuliwa kwamba atawafanya waanguke jangwani,
27 sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu, biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
kuwatawanya wazao wao waanguke miongoni mwa mataifa, na kuwatawanya katika nchi zote.
28 Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
Walijifunga nira na Baali wa Peori, wakala dhabihu zilizotolewa kwa miungu isiyo na uhai.
29 Hojii isaanii hamaa sanaan Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan; dhaʼichis isaan irra buʼe.
Waliichochea hasira ya Bwana, wakamkasirisha kwa matendo yao maovu, nayo tauni ikazuka katikati yao.
30 Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan dhaʼichi sun dhaabate.
Lakini Finehasi alisimama na kuingilia kati, nayo tauni ikazuiliwa.
31 Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, akka qajeelummaatti isaaf herregame.
Hili likahesabiwa kwake haki, kwa vizazi visivyo na mwisho vijavyo.
32 Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan. Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
Kwenye maji ya Meriba, walimkasirisha Bwana, janga likampata Mose kwa sababu yao;
33 sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
kwa maana walimwasi Roho wa Mungu, na maneno yasiyofaa yakatoka midomoni kwa Mose.
34 Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti, saboota hin balleessine;
Hawakuyaangamiza yale mataifa kama Bwana alivyowaagiza,
35 isaan garuu ormootatti makamanii duudhaa isaanii baratan.
bali walijichanganya na mataifa na wakazikubali desturi zao.
36 Waaqota isaanii tolfamoo, kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
Waliabudu sanamu zao, zikawa mtego kwao.
37 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
Wakawatoa wana wao na binti zao dhabihu kwa mashetani.
38 Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
Walimwaga damu isiyo na hatia, damu za wana wao na binti zao, ambao waliwatoa dhabihu kwa sanamu za Kanaani, nayo nchi ikanajisika kwa damu zao.
39 Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
Wakajinajisi wenyewe kwa yale waliyotenda; kwa matendo yao wenyewe wakajifanyia ukahaba.
40 Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare; handhuuraa isaas ni balfe.
Kwa hiyo Bwana akawakasirikia watu wake na akauchukia sana urithi wake.
41 Inni dabarsee ormootatti isaan kenne; amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
Akawakabidhi kwa mataifa na adui zao wakawatawala.
42 Diinonni isaanii isaan cunqursan; humna isaanii jalas isaan galfatan.
Adui zao wakawaonea na kuwatia chini ya mamlaka yao.
43 Inni yeroo baayʼee isaan baraare; isaan garuu ittuma fufanii fincilan; ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
Mara nyingi aliwaokoa lakini walikuwa wamezama kwenye uasi, nao wakajiharibu katika dhambi zao.
44 Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti, rakkina isaanii hubate;
Lakini akaangalia mateso yao wakati aliposikia kilio chao;
45 isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate; sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
kwa ajili yao akakumbuka agano lake, na kutokana na upendo wake mkuu akapooza hasira yake.
46 Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu garaa isaaniif laafaniif godhe.
Akawafanya wahurumiwe na wote waliowashikilia mateka.
47 Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, ormoota keessaa walitti nu qabi.
Ee Bwana Mungu wetu, tuokoe. Tukusanye tena kutoka kwa mataifa, ili tuweze kulishukuru jina lako takatifu, na kushangilia katika sifa zako.
48 Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif, bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu. Haalleluuyaa!
Atukuzwe Bwana, Mungu wa Israeli, tangu milele na hata milele. Watu wote na waseme, “Amen!” Msifuni Bwana.