< Faarfannaa 106 >

1 Haalleluuyaa. Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Hallelujah! Give thanks to the Lord for his goodness, for his kindness endures forever.
2 Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu, yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
Who can describe his heroic deeds, or publish all his praise?
3 Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
Happy they who act justly, and do righteousness evermore.
4 Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu; yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
Remember me, Lord, as you remember your people, and visit me with your gracious help.
5 akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
May I see the good fortune of your elect, may I share in the joy of your nation, and in the pride of your heritage.
6 Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
We, like our fathers, have sinned, we have done perversely and wickedly
7 Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti, dinqii kee hin hubanne; baayʼina araara keetiis hin yaadanne; isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
In the land of Egypt our fathers, all heedless of your wonders, and unmindful of your great kindness, at the Red Sea defied the Most High.
8 Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf, maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
But true to his name he saved them, in order to show his might.
9 Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge; akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
He rebuked the Red Sea, and it dried; they marched through the depths as through desert,
10 Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase; humna diinaa jalaas isaan fure.
saved from the hand of the hostile, redeemed from the hand of the foe.
11 Bishaanonni diinota isaanii liqimsan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
The waters covered their enemies: not one of them was left.
12 Ergasii isaan dubbii isaa amananii faarfannaadhaan isa galateeffatan.
So then they believed in his words, and began to sing his praise.
13 Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne.
But soon they forgot his deeds: they did not wait for his counsel.
14 Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
Their greed was ravenous in the desert; they put God to the test in the wilderness.
15 Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
He gave them the thing they had asked for, but sent wasting disease among them.
16 Isaan qubata keessatti Musee fi Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
The camp grew jealous of Moses and of Aaron, holy one of the Lord.
17 Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite; garee Abiiraamis gad fudhatte.
The earth opened and swallowed up Dathan, and covered Abiram’s company.
18 Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe; arrabni ibiddaas hamoota fixe.
Fire broke out on their company, flame kindled upon the wicked.
19 Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan; fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
They made a calf in Horeb, and bowed to the molten image.
20 Isa Ulfina isaanii taʼe sana, fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
They exchanged their glorious God for the image of ox that eats grass.
21 Waaqa isaan fayyise, isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
They forgot the God who had saved them by mighty deeds in Egypt
22 Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete, hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
Wonders in the land of Ham, terrors by the Red Sea.
23 Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
So he vowed, and would have destroyed them, but for Moses his elect, who stepped into the breach before him, to divert his deadly wrath.
24 Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan; waadaa Waaqni gales hin amanne.
They spurned the delightsome land, they refused to believe in his word.
25 Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; Waaqayyoofis hin ajajamne.
They grumbled in their tents, would not listen to the voice of the Lord.
26 Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
So he swore with uplifted hand to lay them low in the wilderness;
27 sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu, biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
to disperse their seed among heathen, to scatter them over the world.
28 Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
Then they joined them to Baal of Peor, and ate what was offered the dead.
29 Hojii isaanii hamaa sanaan Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan; dhaʼichis isaan irra buʼe.
They provoked him to wrath by their deeds, and plague broke out among them.
30 Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan dhaʼichi sun dhaabate.
Then Phinehas stood between, and so the plague was stayed;
31 Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, akka qajeelummaatti isaaf herregame.
and it was counted to him for righteousness unto all generations forever.
32 Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan. Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
They angered him at the waters of Meribah, through them it went ill with Moses.
33 sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
They rebelled against his spirit, and he uttered speech that was rash.
34 Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti, saboota hin balleessine;
They did not destroy the nations, as the Lord had commanded them;
35 isaan garuu ormootatti makamanii duudhaa isaanii baratan.
but they mingled with the heathen, and learned to do as they did.
36 Waaqota isaanii tolfamoo, kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
Their idol gods they worshipped, and they were ensnared by them.
37 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
They sacrificed their sons and their daughters to the demons.
38 Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
They poured out innocent blood the blood of their sons and daughters whom they offered to Canaan’s idols, and the land was polluted with blood.
39 Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
They became unclean by their works, and adulterous in their deeds.
40 Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare; handhuuraa isaas ni balfe.
Then the Lord’s fury was on his people, filled with horror at his inheritance.
41 Inni dabarsee ormootatti isaan kenne; amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
He delivered them to the heathen, to the sway of those who hated them.
42 Diinonni isaanii isaan cunqursan; humna isaanii jalas isaan galfatan.
Their enemies oppressed them, and subdued them under their hand.
43 Inni yeroo baayʼee isaan baraare; isaan garuu ittuma fufanii fincilan; ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
Many a time he saved them, but they rebelled at his counsel, and were brought low by their wrongdoing.
44 Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti, rakkina isaanii hubate;
Yet he looked upon their distress, when he heard their cry.
45 isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate; sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
He remembered his covenant, and, in his great kindness, relented.
46 Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu garaa isaaniif laafaniif godhe.
He caused them to be pitied by all who carried them captive.
47 Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, ormoota keessaa walitti nu qabi.
Save us, O Lord our God, and gather us out of the nations, to give thanks to your holy name, and to make our boast of your praise.
48 Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif, bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu. Haalleluuyaa!
Blessed be the Lord, the God of Israel, from everlasting to everlasting. And let all the people say ‘Amen.’ Praise the Lord.

< Faarfannaa 106 >