< Faarfannaa 105 >
1 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Mshukuruni Yahwe, liitieni jina lake; myafanye matendo yake yajulikane kati ya mataifa.
2 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
Mwimbieni yeye, mwimbieni sifa yeye; semeni matendo yake yote ya ajau.
3 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
Mjivune katika utakatifu wa jina lake; moyo wao wamtafutao Yahwe ufurahi.
4 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Mtafuteni Yahwe na nguvu zake; utafuteni uwepo wake siku zote.
5 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
Kumbukeni mambo ya ajabu aliyoyatenda,
6 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
miujiza yake na amri zitokazo kinywani mwake, enyi kizazi cha Ibrahimu mtumishi wake, enyi watu wa Yakobo, wachaguliwa wake.
7 Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
Yeye ni Yahwe, Mungu wetu. Amri zake ziko juu ya nchi yote.
8 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
Naye hulikumbuka agano lake milele, neno alilo amuru kwa ajili ya vizazi elfu.
9 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
Hulikumbuka agano alilolifanya na Ibrahimu na kiapo alicho mwapia Isaka.
10 Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:
Hiki ndicho alicho mthibitishia Yakobo kama agano na kama agano la milele kwa Israeli.
11 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
Alisema, “Nitakupa wewe ardhi ya Kanaani kama sehemu yako ya urithi.”
12 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
Alisema hili wakati tu walipokuwa wachache katika hesabu, yaani wachahe sana, nao walikuwa wageni katika nchi.
13 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
Walienda taifa hadi taifa na kutoka ufalme moja kwenda mwingine.
14 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
Hakuruhusu yeyote kuwaonea; aliwakemea wafalme kwa ajili yao.
15 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
Alisema, “Msiwaguze wapakwa mafuta wangu, na msiwadhuru manabii wangu.”
16 Inni beela biyyattiitti waame; midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
Aliita njaa katika nchi; akaondoa upatikanaji wa mkate wote.
17 innis Yoosef namicha akka garbaatti gurgurame tokko isaan dura erge.
Akatuma mtu mbele yao; Yusufu aliuzwa kama mtumishi.
18 Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan; mormi isaas sibiila keessa galfame;
Miguu yake ilifungwa kwa pingu; alivishwa mnyororo wa chuma shingoni mwake,
19 hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti dubbiin Waaqayyoo isa qore.
mpaka wakati wa maneno yake ulipotimia, nalo neno la Yahwe lilimjaribu.
20 Mootiin nama ergee gad isa dhiisise; bulchaan sabaa isa hiiksise.
Mfalme alituma watumishi kumfungua; mtawala wa watu alimuweka huru.
21 Mootichis mana isaa irratti ajajaa, qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
Alimuweka kuwa msimamizi wa nyumba yake kama mtawala wa mali zake zote
22 kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf, akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
kuwaelekeza wakuu kama alivyopenda na kuwafundisha viongozi wake hekima.
23 Israaʼel biyya Gibxi dhaqe; Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
Kisha Israeli iliingia Misri, na Yakobo aliishi kwa muda katika nchi ya Hamu.
24 Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise; akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
Yahwe aliwajalia watu wake wazae sana, na aliwafanya wenye nguvu kuliko adui zao.
25 innis akka isaan saba isaa jibbanii fi akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
Alisababisha adui zao wawachukie watu wake, na kuwatendea visivyo watumishi wake.
26 Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi Aroon filatamaa isaa erge.
Alimtuma Musa, mtumishi wake, na Haruni, ambaye alikwisha mchagua.
27 Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa, biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
Walifanya ishara zake kati ya Wamisri na maajabu yake katika ya nchi ya Hamu.
28 Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
Alituma giza na likaifanya nchi hiyo kuwa giza, lakini watu wake hawakutii amri zake.
29 Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
Aligeuza maji kuwa damu na aliua samaki wao.
30 Fatteen biyya isaanii guutee diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
Nchi yao ilijaa vyura, hata katika vyumba vya watawala wao.
31 Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
Alisema, na makundi ya inzi na chawa wakaja mjini mwote.
32 Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse; bakakkaas biyya isaaniitti erge;
Aliigeuza mvua yao kuwa mvua ya mawe, pamoja na miali ya moto juu ya ardhi yao.
33 wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse; mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
Aliiharibu mizabibu yao na mitini yao; akaivunja miti ya mji wao.
34 Inni dubbannaan hawwaannisnii fi korophisni hedduun dhufan;
Alisema, na nzige wakaja, nzige wengi sana.
35 isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan; waan lafti isaanii baases ni fixan.
Nzige walikula mboga zao zote za majani katika nchi yao. Walikula mazao yote ardhini.
36 Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda, jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
Aliua kila mzaliwa wa kwanza katika nchi yao, malimbuko ya nguvu zao.
37 Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe; gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
Aliwatoa nje Waisraeli wakiwa na fedha na dhahabu; hakuna mmoja wa kabila lake aliyejikwaa njiani.
38 Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan; isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
Misri ilifurahi walipoondoka, maana Wamisri waliwaogopa.
39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe; akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
Alitandaza wingu liwafunike na alifanya moto uwaangazie wakati wa usiku.
40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef; buddeena samiitiinis isaan quufse.
Waisraeli waliomba chakula, naye aliwaletea kware na aliwatosheleza kwa mkate kutoka mbiguni.
41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe; akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
Aliugawa mwamba, maji yalimwagika kutoka humo; yalitiririka katika jangwa kama mto.
42 Inni waadaa isaa qulqulluu, kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
Kwa maana alikumbuka ahadi yake takatifu aliyoifanya kwa Ibrahimu mtumishi wake.
43 Inni saba isaa gammachuun, warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
Aliwaongoza watu wake kwa furaha, wateule wake kwa kelele za ushindi.
44 inni biyya ormootaa isaaniif kenne; isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
Aliwapa nchi za mataifa; walichukua milki ya mali za watu
45 kanas akka isaan sirna isaa eeganii seera isaatiif bulaniif godhe. Haalleluuyaa.
ili waweze kushika amri zake na kutii sheria zake. Msifuni Yahwe.