< Faarfannaa 105 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Give thanks to the LORD, call upon His name; make known His deeds among the nations.
2 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
Sing to Him, sing praises to Him; tell of all His wonders.
3 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
Glory in His holy name; let the hearts of those who seek the LORD rejoice.
4 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Seek out the LORD and His strength; seek His face always.
5 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
Remember the wonders He has done, His marvels, and the judgments He has pronounced,
6 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
O offspring of His servant Abraham, O sons of Jacob, His chosen ones.
7 Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
He is the LORD our God; His judgments carry throughout the earth.
8 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
He remembers His covenant forever, the word He ordained for a thousand generations—
9 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
the covenant He made with Abraham, and the oath He swore to Isaac.
10 Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:
He confirmed it to Jacob as a decree, to Israel as an everlasting covenant:
11 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
“I will give you the land of Canaan as the portion of your inheritance.”
12 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
When they were few in number, few indeed, and strangers in the land,
13 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
they wandered from nation to nation, from one kingdom to another.
14 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
He let no man oppress them; He rebuked kings on their behalf:
15 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
“Do not touch My anointed ones! Do no harm to My prophets!”
16 Inni beela biyyattiitti waame; midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
He called down famine on the land and cut off all their supplies of food.
17 innis Yoosef namicha akka garbaatti gurgurame tokko isaan dura erge.
He sent a man before them— Joseph, sold as a slave.
18 Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan; mormi isaas sibiila keessa galfame;
They bruised his feet with shackles and placed his neck in irons,
19 hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti dubbiin Waaqayyoo isa qore.
until his prediction came true and the word of the LORD proved him right.
20 Mootiin nama ergee gad isa dhiisise; bulchaan sabaa isa hiiksise.
The king sent and released him; the ruler of peoples set him free.
21 Mootichis mana isaa irratti ajajaa, qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
He made him master of his household, ruler over all his substance,
22 kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf, akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
to instruct his princes as he pleased and teach his elders wisdom.
23 Israaʼel biyya Gibxi dhaqe; Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
Then Israel entered Egypt; Jacob dwelt in the land of Ham.
24 Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise; akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
And the LORD made His people very fruitful, more numerous than their foes,
25 innis akka isaan saba isaa jibbanii fi akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
whose hearts He turned to hate His people, to conspire against His servants.
26 Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi Aroon filatamaa isaa erge.
He sent Moses His servant, and Aaron, whom He had chosen.
27 Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa, biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
They performed His miraculous signs among them, and wonders in the land of Ham.
28 Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
He sent darkness, and it became dark— yet they defied His words.
29 Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
He turned their waters to blood and caused their fish to die.
30 Fatteen biyya isaanii guutee diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
Their land teemed with frogs, even in their royal chambers.
31 Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
He spoke, and insects swarmed— gnats throughout their country.
32 Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse; bakakkaas biyya isaaniitti erge;
He gave them hail for rain, with lightning throughout their land.
33 wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse; mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
He struck their vines and fig trees and shattered the trees of their country.
34 Inni dubbannaan hawwaannisnii fi korophisni hedduun dhufan;
He spoke, and the locusts came— young locusts without number.
35 isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan; waan lafti isaanii baases ni fixan.
They devoured every plant in their land and consumed the produce of their soil.
36 Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda, jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
Then He struck all the firstborn in their land, the firstfruits of all their vigor.
37 Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe; gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
He brought Israel out with silver and gold, and none among His tribes stumbled.
38 Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan; isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
Egypt was glad when they departed, for the dread of Israel had fallen on them.
39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe; akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
He spread a cloud as a covering and a fire to light up the night.
40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef; buddeena samiitiinis isaan quufse.
They asked, and He brought quail and satisfied them with the bread of heaven.
41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe; akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
He opened a rock, and water gushed out; it flowed like a river in the desert.
42 Inni waadaa isaa qulqulluu, kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
For He remembered His holy promise to Abraham His servant.
43 Inni saba isaa gammachuun, warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
He brought forth His people with rejoicing, His chosen with shouts of joy.
44 inni biyya ormootaa isaaniif kenne; isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
He gave them the lands of the nations, that they might inherit the fruit of others’ labor,
45 kanas akka isaan sirna isaa eeganii seera isaatiif bulaniif godhe. Haalleluuyaa.
that they might keep His statutes and obey His laws. Hallelujah!

< Faarfannaa 105 >