< Faarfannaa 104 >

1 Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha; miidhaginaa fi surraa uffatteerta.
Благослови, душе моя, Господа! Господи, Боже мій, Ти звеличився, зодягнувся у славу й велич.
2 Ati akkuma wayyaa ifa uffatta; samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita.
Він огортається світлом, немов шатами; розстилає небеса, як покривало;
3 Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta. Duumessoota gaarii isaa godhata; qoochoo bubbee yaabbattee deema.
закладає на водах основи Своїх вишніх світлиць. Він робить хмари Своєю колісницею, крокує на крилах вітру.
4 Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.
Він робить Своїми посланцями вітри, Своїми слугами – полум’я вогню.
5 Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera; isheenis gonkumaa hin sochootu.
Він заклав землю на її основах, тому не похитнеться вона повік-віків!
6 Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde; bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan.
Ти вкрив її безоднею, мов одягом, на горах стояли води,
7 Ati ifannaan bishaanonni baqatan; sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan.
[та] від грізного крику Твого побігли вони, від голосу грому Твого пустилися навтіки.
8 Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan; gara iddoo ati isaanii qopheessitee, gara sululootaatti gad yaaʼan.
Піднялися були в гори вони та спустилися в долини, до місця, яке Ти влаштував для них.
9 Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneef ati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde.
Ти поклав межу, яку вони не перейдуть, не вкриють вони знову землі.
10 Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota; isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu.
Ти посилаєш води джерела в річища, між горами течуть вони,
11 Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu; harroonni diidaas dheebuu baʼu.
напувають усіх звірів польових; [там] втамовують свою спрагу дикі віслюки.
12 Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan; dameewwan gidduutti ni faarfatan.
При [водах] тих живуть птахи небесні, з-поміж гілля подають голос.
13 Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta; laftis ija hojii keetiitiin quufti.
Він напуває гори з вишніх світлиць Своїх. Від плоду діянь Твоїх насичується земля.
14 Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga, faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;
Ти вирощуєш траву для худоби й збіжжя для потреб людини, щоб вивести їжу із землі,
15 akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu, akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi akka midhaan nama jajjabeessu ni goota.
і вино, що серце людське веселить, щоб сяяло обличчя від олії і хлібом зміцнилося серце людини.
16 Mukkeen Waaqayyoo, birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.
Насичуються дерева Господні, кедри ліванські, які Він насадив.
17 Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu; huummoonis birbirsa irraa mana qabdi.
Там птахи в’ють гнізда, домівка лелеки – на кипарисах.
18 Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti; holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti.
Високі гори диким козлам належать, скелі – притулок даманів.
19 Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha; biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti.
Він створив місяць, щоб час визначати; сонце знає, коли йому заходити.
20 Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa; bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu.
Ти наводиш темряву, і настає ніч, коли рухаються всі звірі лісові.
21 Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada; nyaata isaas Waaqa bira barbaada.
Молоді леви ричать за здобиччю, просячи собі у Бога їжу.
22 Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu; dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu.
Сходить сонце – вони збираються разом і лягають у своє лігво.
23 Namni gara hojii isaatti, hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa.
Людина виходить на свою працю й на роботу свою аж до вечора.
24 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam baayʼee dha! Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette; laftis uumamawwan keetiin guutamte.
Які численні діяння Твої, Господи! Усе Ти мудро створив; земля наповнена створіннями Твоїми.
25 Galaanni guddaa fi balʼaan kun, uumamawwan hamma hin qabneen guutame; kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.
Ось море велике й просторе, там живина кишить без ліку, живі істоти – малі й великі.
26 Dooniiwwan as irra deddeebiʼu; lewaataan kan akka inni achi keessa taphatuuf ati uumtes achi jira.
Там ходять кораблі, там цей Левіятан, якого Ти створив, щоб бавився він у морі.
27 Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf, isaan hundi si eeggatu.
Усі вони очікують від Тебе, що Ти даси їм їжу своєчасно.
28 Yeroo ati isaaniif kennitutti, isaan walitti qabatu; yeroo ati harka kee balʼiftutti, isaan waan gaarii quufu.
Ти даєш їм – вони приймають, відкриваєш руку Твою – насичуються благом.
29 Yeroo ati fuula kee dhokfattutti, isaan ni naʼu; yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti, isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.
Сховаєш обличчя Своє – вони бентежаться. Забираєш дух їхній – гинуть і повертаються в порох [земний].
30 Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu; atis fuula lafaa ni haaromsita.
Пошлеш духа Свого – вони створюються, і Ти оновлюєш обличчя землі.
31 Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu; Waaqayyo hojii isaatti haa gammadu;
Нехай буде слава Господня навіки, нехай радіє Господь діянням Своїм!
32 inni ilaallaan lafti hollatte; inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe.
Він погляне на землю, і вона затремтить; торкнеться до гір, і вони задимлять.
33 Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha; hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Waaqa koo nan galateeffadha.
Я співатиму Господеві[усе] життя моє; співатиму Богові моєму, поки існую.
34 Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu; ani Waaqayyotti nan gammadaatii.
Нехай буде приємним Йому мій роздум: я радітиму в Господі.
35 Cubbamoonni lafa irraa haa badan; hamoonnis siʼachi hin jiraatin. Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi. Haalleluuyaa.
Нехай згинуть грішники із землі й нечестивих більше не буде. Благослови, душе моя, Господа! Алілуя!

< Faarfannaa 104 >