< Faarfannaa 103 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
Of David. Bless the LORD, O my soul; all that is within me, bless His holy name.
2 Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin.
Bless the LORD, O my soul, and do not forget all His kind deeds—
3 Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;
He who forgives all your iniquities and heals all your diseases,
4 jireenya kee boolla irraa ni baraara; jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;
who redeems your life from the Pit and crowns you with loving devotion and compassion,
5 akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.
who satisfies you with good things, so that your youth is renewed like the eagle’s.
6 Waaqayyo warra cunqurfaman hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
The LORD executes righteousness and justice for all the oppressed.
7 Inni karaa isaa Museetti, hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.
He made known His ways to Moses, His deeds to the people of Israel.
8 Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
The LORD is compassionate and gracious, slow to anger, abounding in loving devotion.
9 Inni yeroo hunda hin dheekkamu; aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
He will not always accuse us, nor harbor His anger forever.
10 inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
He has not dealt with us according to our sins or repaid us according to our iniquities.
11 Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
For as high as the heavens are above the earth, so great is His loving devotion for those who fear Him.
12 akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
As far as the east is from the west, so far has He removed our transgressions from us.
13 Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
As a father has compassion on his children, so the LORD has compassion on those who fear Him.
14 inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; akka nu biyyoo taanes ni yaadata.
For He knows our frame; He is mindful that we are dust.
15 Barri namaa akkuma margaa ti; akka abaaboo dirrees ni misa;
As for man, his days are like grass— he blooms like a flower of the field;
16 inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.
when the wind passes over, it vanishes, and its place remembers it no more.
17 Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
But from everlasting to everlasting the loving devotion of the LORD extends to those who fear Him, and His righteousness to their children’s children—
18 warra kakuu isaa eeganitti, warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
to those who keep His covenant and remember to obey His precepts.
19 Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
The LORD has established His throne in heaven, and His kingdom rules over all.
20 Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.
Bless the LORD, all His angels mighty in strength who carry out His word, who hearken to the voice of His command.
21 Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.
Bless the LORD, all His hosts, you servants who do His will.
22 Uumamawwan bulchiinsa isaa jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.
Bless the LORD, all His works in all places of His dominion. Bless the LORD, O my soul!

< Faarfannaa 103 >