< Faarfannaa 102 >
1 Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
Escucha mi oración, oh Yavé, Y llegue mi clamor a Ti.
2 Yeroo ani dhiphadhetti, fuula kee na duraa hin dhoksin. Gurra kee gara kootti deebisi; yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
No escondas de mí tu rostro en el día de mi angustia. Inclina a mí tu oído. El día cuando te invoco apresúrate a responderme.
3 Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
Porque mis días se disuelven como humo, Y mis huesos arden como una chimenea.
4 Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
Mi corazón está herido. Se marchita como la hierba. En verdad olvido comer mi pan.
5 Sababii ani guddisee aaduuf, lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
Por la voz de mi gemido Mis huesos se pegaron a mi carne.
6 Ani akka urunguu gammoojjii, akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
Soy semejante a la lechuza del desierto. Soy como un búho de las soledades.
7 Ani hirriba malee nan bula; akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
Estoy desvelado. Me siento como pájaro solo en un tejado.
8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
Mis enemigos me afrentan todo el día. Los que contra mí se enfurecen Se conjuraron contra mí.
9 Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
He comido cenizas como pan Y mezclado mi bebida con lágrimas
10 kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
A causa de tu indignación y de tu ira, Porque me levantaste y me lanzaste.
11 Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera.
Mis días son una sombra que se prolonga, Y me marchito como hierba.
12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
Pero Tú, oh Yavé, permaneces para siempre, Y tu Nombre por todas las generaciones.
13 Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
Te levantarás, tendrás misericordia de Sion, Porque es tiempo de tener compasión de ella, Pues llegó el tiempo señalado.
14 Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; biyyoo ishees ni mararfatu.
Ciertamente tus esclavos hallan deleite en sus piedras, Y tienen compasión del polvo de ella.
15 Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
Así las naciones temerán al Nombre de Yavé, Y todos los reyes de la tierra [temerán] tu gloria.
16 Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii; ulfina isaatiinis ni mulʼata.
Porque Yavé habrá edificado a Sion Será visto en su gloria.
17 Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu.
Ha considerado la oración de los desposeídos, Y no habrá despreciado su ruego.
18 Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf, wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
Esto será escrito para la generación venidera, Para que un pueblo que está aún por nacer alabe a YA,
19 “Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; samii irraas gara lafaa gad milʼate;
Porque miró desde lo alto de su Santuario. Desde el cielo Yavé miró a la tierra
20 kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
Para escuchar el gemido de los presos, Para libertar a los sentenciados a muerte.
21 Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti, galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
Que digan en Sion la fama de Yavé Y su alabanza en Jerusalén,
22 kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
Cuando los pueblos y reinos sean juntamente congregados, Para servir a Yavé.
23 Inni jabina koo karaatti hambise; umurii koos ni gabaabse.
Él debilitó mi fuerza en el camino. Acortó mis días.
24 Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
Digo: Oh ʼEL mío, no me levantes en la mitad de mis días. Tus años son por todas las generaciones.
25 Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
Desde la antigüedad fundaste la tierra, Y los cielos son obra de sus manos.
26 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu.
Ellos perecerán, Pero Tú permaneces. Todos ellos se desgastarán como una ropa, Como una ropa los cambiarás, Y pasarán.
27 Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
Pero Tú eres el mismo, Y tus años no tendrán fin.
28 Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”
Los hijos de tus esclavos vivirán seguros, Y sus descendientes serán establecidos delante de Ti.