< Faarfannaa 102 >
1 Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
Pemphero la munthu wosautsidwa, pamene walefuka, nakhuthulira pamaso pa Yehova kulira kwakeko. Yehova imvani pemphero langa; kulira kwanga kopempha thandizo kufike kwa Inu.
2 Yeroo ani dhiphadhetti, fuula kee na duraa hin dhoksin. Gurra kee gara kootti deebisi; yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
Musandibisire nkhope yanu pamene ndili pa msautso. Munditcherere khutu; pamene ndiyitana ndiyankheni msanga.
3 Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
Pakuti masiku anga akupita ngati utsi; mafupa anga akunyeka ngati nkhuni zoyaka.
4 Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
Mtima wanga wakanthidwa ndipo ukufota ngati udzu; ndipo ndimayiwala kudya chakudya changa.
5 Sababii ani guddisee aaduuf, lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
Chifukwa cha kubuwula kwanga kofuwula ndatsala chikopa ndi mafupa okhaokha.
6 Ani akka urunguu gammoojjii, akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
Ndili ngati kadzidzi wa ku chipululu, monga kadzidzi pakati pa mabwinja.
7 Ani hirriba malee nan bula; akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
Ndimagona osapeza tulo; ndakhala ngati mbalame yokhala yokha pa denga.
8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
Tsiku lonse adani anga amandichita chipongwe; iwo amene amandinyoza, amagwiritsa ntchito dzina langa ngati temberero.
9 Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
Pakuti ndimadya phulusa ngati chakudya changa ndi kusakaniza chakumwa changa ndi misozi
10 kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
chifukwa cha ukali wanu waukulu, popeza Inu mwandinyamula ndi kunditayira kumbali.
11 Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera.
Masiku anga ali ngati mthunzi wa kumadzulo; Ine ndikufota ngati udzu.
12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
Koma Inu Yehova, muli pa mpando wanu waufumu kwamuyaya; kudziwika kwanu ndi kokhazikika ku mibado yonse.
13 Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
Inu mudzadzuka ndi kuchitira chifundo Ziyoni pakuti ndi nthawi yoti muonetse kukoma mtima kwanu pa iyeyo; nthawi yoyikika yafika.
14 Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; biyyoo ishees ni mararfatu.
Pakuti miyala yake ndi yokondedwa kwa atumiki anu; fumbi lake lokha limawachititsa kuti amve chisoni.
15 Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
Mitundu ya anthu idzaopa dzina la Yehova, mafumu onse a dziko lapansi adzalemekeza ulemerero wanu.
16 Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii; ulfina isaatiinis ni mulʼata.
Pakuti Yehova adzamanganso Ziyoni ndi kuonekera mu ulemerero wake.
17 Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu.
Iye adzayankha pemphero la anthu otayika; sadzanyoza kupempha kwawo.
18 Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf, wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
Zimenezi zilembedwe chifukwa cha mibado ya mʼtsogolo, kuti anthu amene sanabadwe adzatamande Yehova:
19 “Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; samii irraas gara lafaa gad milʼate;
“Yehova anayangʼana pansi kuchokera ku malo ake opatulika mmwamba, kuchokera kumwamba anayangʼana dziko lapansi,
20 kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
kuti amve kubuwula kwa anthu a mʼndende, kuti apulumutse amene anayenera kuphedwa.”
21 Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti, galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
Kotero dzina la Yehova lidzalengezedwa mu Ziyoni ndi matamando ake mu Yerusalemu,
22 kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
pamene mitundu ya anthu ndi maufumu adzasonkhana kuti alambire Yehova.
23 Inni jabina koo karaatti hambise; umurii koos ni gabaabse.
Iye anathyola mphamvu zanga pa nthawi ya moyo wanga; Iyeyo anafupikitsa masiku anga.
24 Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
Choncho Ine ndinati: “Musandichotse, Inu Mulungu wanga, pakati pa masiku a moyo wanga; zaka zanu zimakhalabe pa mibado yonse.
25 Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
Pachiyambi Inu munakhazikitsa maziko a dziko lapansi ndipo mayiko akumwamba ndi ntchito ya manja anu.
26 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu.
Izi zidzatha, koma Inu mudzakhalapo; zidzatha ngati chovala. Mudzazisintha ngati chovala ndipo zidzatayidwa.
27 Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
Koma Inu simusintha, ndipo zaka zanu sizidzatha.
28 Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”
Ana a atumiki anu adzakhala pamaso panu; zidzukulu zawo zidzakhazikika pamaso panu.”