< Faarfannaa 100 >
1 Faarfannaa Galataa. Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.
A psalm of praise. Shout, all the earth, to the Lord.
2 Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
Serve the Lord with gladness, approach him with ringing cries.
3 Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
Be sure that the Lord alone is God. It is he who has made us, and his we are his people, the sheep of his pasture.
4 Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Enter his gates with thanksgiving, his courts with praise. Give thanks to him, bless his name.
5 Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
For the Lord is good, his love is forever, and to all ages endures his faithfulness.