< Faarfannaa 10 >

1 Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
Kwa nini, Yahweh, unasimama mbali? Kwa nini unajificha wakati wa shida?
2 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa; inni maluma malatuun haa qabamu.
Kwa sababu ya majivuno yao, watu waovu waawakimbiza wanyonge; Basi tafadhari uwafanye waovu kunaswa kwa mipango yao wenyewe walioipanga.
3 Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa.
Kwa kuwa mtu mwovu hujivuna kwa tamaa yake ya ndani; yeye hufurahisha tamaa na kumtusi Yahweh.
4 Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.
Mtu mwovu ameinua uso wake; naye hamtafuti Mungu. Yeye hamfikilii Mungu kamwe kwa kuwa hamjali kabisa Mungu.
5 Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; seerri kees isa irraa fagoo dha; diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.
Yeye yuko salama wakati wote, amri zako za haki ziko juu sana kwake; naye huwadharau adui zake wote.
6 Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru; rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
Yeye husema moyoni mwake, “Siwezi kamwe kushindwa; katika kizazi chote sitakutana na shida.”
7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera; dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.
Mdomoni mwake kumejaa kulaani na udanganyifu, maneno yenye sumu; ulimi wake unajeruhi na kuharibu.
8 Inni gandoota keessatti riphee eeggata; iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa. Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.
Yeye husubilia kwenye shambulio karibu na kijiji; mahali pa siri huwauwa watu wasio na hatia; macho yake huwatazama wasionahatia.
9 Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata. Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata; hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.
Hujibanza mahari pa siri kama simba katika kichaka; yeye hulala akisubiri kumkamata mnyonge. Humkamata pale anapokwisha mweka mtegoni mwake.
10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas; humna nama hamaa jalattis ni kufa.
Wanyonge wake hugandamizwa chini na kupigwa; wao huangukia katika mtego imara.
11 Innis, “Waaqa irraanfateera; fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
Yeye husema katika moyo wake, “Mungu amesahau; huficha uso wake; hawezi kujishughulisha kutazama.”
12 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu. Rakkataas hin dagatin.
Inuka, Yahweh! Inua mkono wako, Mungu! Usiwasahau wanyonge.
13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa? Maaliifis garaa isaatti, “Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?
Kwa nini mtu mwovu anamkataa Mungu na kusema moyoni mwake, “Hautanipata katika hatia?”
14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; harka keetiinis gatii baasifta. Deegaan dabarsee sitti of kenna; ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.
Umeona, maana mara zote unaangalia mtu aletaye madhara na jeuri. Mtu asiye na msaada hukuachia nafsi yake; maana wewe huwaokoa yatima.
15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi; hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti, hammina isaatti isa gaafadhu.
vunja mkono wa mwovu lo na mtu mwovu. Umuajibishe kwa matendo yake maovu, ambayo kwayo alifikiri hautayagundua.
16 Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
Yahweh ni mfalme milele daima; mataifa yanaondolewa katika aridhi yake.
17 Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;
Yahweh, umesikia uhitaji wa wanyonge; nawe umeitia nguvu mioyo yao, wewe unasikia maombi;
18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.
Unawatetea yatima na wanyonge ili kusudi pasiwepo na mtu katika dunia hii atakaye leta hofu tena.

< Faarfannaa 10 >