< Faarfannaa 10 >

1 Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
【求主隡除惡霸】上主,你為什麼站在遠處!在困苦之時竟隱藏不露?
2 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa; inni maluma malatuun haa qabamu.
惡人蠻橫地難為弱小的人,叫他陷於預設的陰謀之中。
3 Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa.
惡人因隨心所欲而自慶,匪徒因輕慢上主而自幸;
4 Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.
惡人心高氣傲說:他絕不會追究!也絕沒有天主!這就是他的企圖。
5 Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; seerri kees isa irraa fagoo dha; diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.
他的道路時時彎曲錯謬;常把你的懲罰拋諸腦後,對一切私仇常怒氣詛咒。
6 Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru; rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
心下自語:我永遠不會動搖!我永永遠遠不會遭受災禍!
7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera; dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.
他他滿口是欺詐與辱罵,舌下盡是惡毒與謊話。
8 Inni gandoota keessatti riphee eeggata; iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa. Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.
他在村邊隱密處埋伏,他暗地裏要殺害無辜,他對不幸者窺伺注目,
9 Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata. Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata; hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.
他在暗處伺伏,有如獅子蹲在洞口,要把貧困的人,伺機刮搜,將貧困者拖入網中劫走。
10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas; humna nama hamaa jalattis ni kufa.
他俯下身子,蹲伏在地下,不幸者便陷入他的爪牙;
11 Innis, “Waaqa irraanfateera; fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
心下自語說:天主忘了,祂掩了面,永不再看。
12 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu. Rakkataas hin dagatin.
上主天主,求你起來將手舉起,不要把窮苦人忘記。
13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa? Maaliifis garaa isaatti, “Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?
為何讓人們輕慢天主,心下自語,「祂絕不會追究?」
14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; harka keetiinis gatii baasifta. Deegaan dabarsee sitti of kenna; ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.
其實你已看見欺壓與罪行,正考慮如何親手加以嚴懲;因此不幸的人向你投奔,唯有你是孤兒們的救星。
15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi; hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti, hammina isaatti isa gaafadhu.
願你打斷罪犯與惡人的臂膊,報復他的罪孽直至不再發作。
16 Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
上主為王,直至於萬世無疆;野蠻人必由祂領域中喪亡。
17 Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;
上主,你垂允了謙卑者的心願,堅固他們的心靈,也側耳俯聽。
18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.
護衛孤兒和受壓迫者的特權,使塵世的人不再施恐怖手段

< Faarfannaa 10 >