< Fakkeenya 1 >
1 Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
以色列王達味之子撒羅滿的箴言:
2 Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf, dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
是為教人學習智慧和規律,叫人明瞭哲言,
3 ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan, murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;
接受明智的教訓--仁義、公平和正直,
4 warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf, dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
使無知者獲得聰明,使年少者獲得知識和慎重,
5 ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
使智慧者聽了,增加學識;使明達人聽了,汲取智謀,
6 kunis fakkeenyaa fi hiikkaa, jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
好能明瞭箴言和譬喻,明瞭智者的言論和他們的隱語。
7 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
敬畏上主是智慧的肇基;只有愚昧人蔑視智慧和規律。
8 Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
我兒,你應聽你父親的教訓,不要拒絕你母親的指教,
9 Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
因為這就是你頭上的冠冕,你頸上的珠鏈。
10 Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif.
我兒,如果惡人勾引你,你不要聽從;
11 Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis dhokannee eeggannaa;
如果他們說:「來跟我們去暗算某人,無故地陷害無辜。
12 kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; akkuma warra boolla keessa buufamaniis guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa; (Sheol )
我們要像陰府一樣活活地吞下他們,把他們整個吞下去,有如墮入深坑裏的人; (Sheol )
13 nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna; manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna;
這樣,我們必獲得各種珍寶,以贓物充滿我們的房屋。
14 ixaa kee nu wajjin buufadhu; nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan,
你將與我們平分秋色,我們將共有同一錢囊。」
15 yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin; miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin;
我兒,你不要與他們同流合污,該使你的腳遠離他們的道路,
16 miilli isaanii cubbuutti ariifataatii; isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru.
因為他們雙腳趨向兇惡,急於傾流人血。
17 Utuma simbirroonni hundi arganuu, kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha!
在一切飛鳥眼前,張設羅網,盡屬徒然。
18 Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu; lubbuma ofii isaanii gaadu!
其實,他們不外是自流己血,自害己命。
19 Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti; wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa.
這就是謀財害命者的末路:他必要送掉自己的性命。
20 Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti; iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
智慧在街上吶喊,在通衢發出呼聲;
21 Isheen fiixee daandii irraa iyyiti; karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
在熱鬧的街頭呼喚,在城門和市區發表言論:「
22 “Isin warri homaa hin beekne kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii gowwoonnis beekumsa jibbu?
無知的人,你們喜愛無知;輕狂的人,你們樂意輕狂;愚昧的人,你們憎恨知識,要到何時呢﹖
23 Mormii koo qalbeeffadhaa; ani yaada koo isinii nan dhangalaasa; dubbii koos isiniifin ibsa.
你們應回心聽我的勸告。看,我要向你們傾吐我的心意,使你們瞭解我的言詞。
24 Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif,
但是,我呼喚了,你們竟予以拒絕;我伸出了手,誰也沒有理會。
25 waan isin gorsa koo hunda tuffattanii dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif,
你們既蔑視了我的勸告,沒有接受我的忠言;
26 anis badiisa keessanitti nan kolfa, yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa;
因此,你們遭遇不幸時,我也付之一笑;災難臨到你們身上時,我也一笑置之。
27 yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti, yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti, yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa.
當災難如暴風似的襲擊你們,禍害如旋風似的捲去你們,困苦憂患來侵襲你們時,我也置之不顧。
28 “Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu; isaan na barbaadu; garuu na hin argatan.
那時,他們呼求我,我必不答應:他們尋找我,必尋不著我;
29 Isaan waan beekumsa jibbanii Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif,
因為他們憎恨知識,沒有揀選敬畏上主,
30 waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif,
沒有接受我的勸告,且輕視了我的一切規諫。
31 isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
所以他們必要自食其果,飽嘗獨斷獨行的滋味。
32 Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii; quufni gowwootaa isaanuma balleessa;
的確,無知者的執迷不悟殺害了自己;愚昧人的漠不關心斷送了自己。
33 namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata; inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.”
但是,那聽從我的,必得安居,不怕災禍,安享太平。