< Fakkeenya 9 >

1 Ogummaan mana ishee ijaarratte; utubaa ishee torbanis dhagaa irraa qopheeffate.
Hikima ta gina gidanta; ta yi ginshiƙansa bakwai.
2 Isheen horii qalattee daadhii wayinii ishee bulbulatte; maaddii ishee illee qopheeffatte.
Ta shirya abincinta gauraye da ruwan inabinta; ta kuma shirya teburinta.
3 Tajaajiltoota ishee dubarran ergattee fiixee magaalaa irraa lallabde.
Ta aiki bayinta mata, tana kuma kira daga wurare masu tsayi na birnin.
4 Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti; “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
“Bari dukan waɗanda suke marasa azanci su zo nan ciki!” Tana faɗa wa marasa hankali.
5 Kottaatii nyaata koo nyaadhaa; daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa.
“Ku zo, ku ci abincina da ruwan inabin da na gauraye.
6 Karaa gowwummaa keessanii sana dhiisaatii jiraadhaa; karaa hubannaa irra deemaa.
Ku bar hanyoyinku marasa hankali za ku kuwa rayu; yi tafiya a hanyar fahimi.
7 “Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama; namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata.
“Duk wanda ya yi wa mai ba’a gyara yana gayyatar zagi duk wanda ya tsawata wa mugu yakan gamu da cin mutunci.
8 Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii; nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii.
Kada ka tsawata wa masu ba’a gama za su ƙi ka; ka tsawata wa mai hikima zai kuwa ƙaunace ka.
9 Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa; nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii.
Ka koya wa mai hikima zai kuwa ƙara hikima; ka koya wa mai adalci zai kuwa ƙara koyonsa.
10 “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
“Tsoron Ubangiji shi ne mafarin hikima, sanin Mai Tsarki kuwa fahimi ne.
11 Karaa kootiin barii jireenya keetii ni dheerata; jireenya kee irrattis waggoonni ni dabalamuutii.
Gama ta wurina kwanakinka za su yi yawa, za a kuwa ƙara wa ranka shekaru.
12 Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa; yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama.”
In kana da hikima, hikimarka za tă ba ka lada; in kai mai ba’a ne, kai kaɗai za ka sha wahala.”
13 Dubartiin gowwaan oduu baayʼifti; isheen raatuu homaa hin beeknee dha.
Wawancin mace a bayyane yake; ba ta da ɗa’a kuma ba ta da sani.
14 Isheen balbala mana ishee dura, fiixee magaalaa gubbaa barcuma irra teessee
Takan zauna a ƙofar gidanta, a wurin zama a wurin mafi tsayi na birni,
15 warra achiin darban, kanneen qajeelanii daandii isaanii irra deeman waamti.
tana kira ga masu wucewa, waɗanda suke tafiya kai tsaye a hanyarsu.
16 Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti. “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
“Bari dukan waɗanda suke marasa azanci su zo cikin nan!” Tana ce wa marasa hankali.
17 Bishaan hatan ni miʼaawa; nyaanni dhoksaan nyaatanis guddoo namatti tola!”
“Ruwan da aka sata ya fi daɗi; abincin da aka ci a ɓoye ya fi daɗi!”
18 Isaan garuu akka warri duʼan achi jiran, akka keessumoonni ishee dhidhima awwaalaa keessa jiran illee xinnuma beeku. (Sheol h7585)
Amma ba su san cewa matattu suna a can ba, cewa baƙinta suna a can cikin zurfin kabari ba. (Sheol h7585)

< Fakkeenya 9 >