< Fakkeenya 8 >
1 Ogummaan hin iyyuu? Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
Je, hekima haitani? Je, ufahamu hapazi sauti?
2 Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra, iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
Juu ya miinuko karibu na njia, penye njia panda, ndipo asimamapo;
3 karra magaalaatti nama galchu bira, balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
kando ya malango yaelekeayo mjini, kwenye maingilio, hulia kwa sauti kubwa, akisema:
4 “Yaa namoota, ani iyyeen isin waama; ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
“Ni ninyi wanaume, ninaowaita; ninapaza sauti yangu kwa wanadamu wote.
5 Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa; isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
Ninyi ambao ni wajinga, pateni akili; ninyi mlio wapumbavu, pateni ufahamu.
6 Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa; waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
Sikilizeni, kwa maana nina mambo muhimu ya kusema; ninafungua midomo yangu kusema lililo sawa.
7 Afaan koo dhugaa dubbata; arrabni koo hammina jibbaatii.
Kinywa changu husema lililo kweli, kwa maana midomo yangu huchukia uovu.
8 Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha; dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
Maneno yote ya kinywa changu ni haki; hakuna mojawapo lililopotoka wala ukaidi.
9 Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha; warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
Kwa wenye kupambanua yote ni sahihi; hayana kasoro kwa wale wenye maarifa.
10 Qooda meetii gorsa koo, warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
Chagua mafundisho yangu badala ya fedha, maarifa badala ya dhahabu safi,
11 ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
kwa maana hekima ina thamani kuliko marijani na hakuna chochote unachohitaji kinacholingana naye.
12 “Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha; ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
“Mimi hekima, nakaa pamoja na busara; ninamiliki maarifa na busara.
13 Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
Kumcha Bwana ni kuchukia uovu; ninachukia kiburi na majivuno, tabia mbaya na mazungumzo potovu.
14 Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti; ani hubannaa fi humna qaba.
Ushauri na hukumu sahihi ni vyangu; nina ufahamu na nina nguvu.
15 Mootonni anaan moʼu; bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
Kwa msaada wangu wafalme hutawala na watawala hutunga sheria zilizo za haki,
16 Ilmaan moototaa anaan bulchu; namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
kwa msaada wangu wakuu hutawala, na wenye vyeo wote watawalao dunia.
17 Ani warra na jaallatan nan jaalladha; warri na barbaadanis na argatu.
Nawapenda wale wanipendao, na wale wanitafutao kwa bidii wataniona.
18 Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
Utajiri na heshima viko kwangu, utajiri udumuo na mafanikio.
19 Iji koo warqee qulqulluu caala; buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
Tunda langu ni bora kuliko dhahabu safi; kile nitoacho hupita fedha iliyo bora.
20 Ani karaa qajeelummaa irra, daandii qajeelaa irras nan deema;
Natembea katika njia ya unyofu katika mapito ya haki,
21 warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.
nawapa utajiri wale wanipendao na kuzijaza hazina zao.
22 “Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura, hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
“Bwana aliniumba mwanzoni mwa kazi yake, kabla ya matendo yake ya zamani;
23 ani utuu addunyaan hin uumamin dura, jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
niliteuliwa tangu milele, tangu mwanzoni, kabla ya dunia kuumbwa.
24 Ani utuu tuujubni hin jiraatin, utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
Wakati hazijakuwepo bahari, nilikwishazaliwa, wakati hazijakuwepo chemchemi zilizojaa maji;
25 utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
kabla milima haijawekwa mahali pake, kabla vilima havijakuwepo, nilikwishazaliwa,
26 utuu inni lafa yookaan dirree ishee yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu hin uumin dura nan dhaladhe.
kabla hajaumba dunia wala mashamba yake au vumbi lolote la dunia.
27 Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
Nilikuwepo alipoziweka mbingu mahali pake, wakati alichora mstari wa upeo wa macho juu ya uso wa kilindi,
28 yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
wakati aliweka mawingu juu na kuziweka imara chemchemi za bahari,
29 yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, galaanaaf daangaa dhaabetti, yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
wakati aliiwekea bahari mpaka wake ili maji yasivunje agizo lake, na wakati aliweka misingi ya dunia.
30 Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
Wakati huo nilikuwa fundi stadi kando yake. Nilijazwa na furaha siku baada ya siku, nikifurahi daima mbele zake,
31 ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
nikifurahi katika dunia yake yote nami nikiwafurahia wanadamu.
32 “Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
“Basi sasa wanangu, nisikilizeni; heri wale wanaozishika njia zangu.
33 Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa; isa hin tuffatinaa.
Sikilizeni mafundisho yangu mwe na hekima; msiyapuuze.
34 Namni na dhagaʼu, kan guyyaa hunda balbala koo eegu, kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
Heri mtu yule anisikilizaye mimi, akisubiri siku zote malangoni mwangu, akingoja kwenye vizingiti vya mlango wangu.
35 Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata; Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
Kwa maana yeyote anipataye mimi amepata uzima na kujipatia kibali kutoka kwa Bwana.
36 Namni na hin arganne garuu ofuma miidha; namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”
Lakini yeyote ashindwaye kunipata hujiumiza mwenyewe; na wote wanichukiao mimi hupenda mauti.”