< Fakkeenya 7 >

1 Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu.
Mwanakomana wangu, chengeta mashoko angu ugoviga mirayiro yangu mauri.
2 Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
Chengeta mirayiro yangu ugorarama; uchengete dzidziso dzangu semboni yeziso rako.
3 Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
Uzvisungirire paminwe yako; uzvinyore pahwendefa yomwoyo wako.
4 Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
Uti kuuchenjeri, “Uri hanzvadzi yangu,” uye uti kunzwisisa ndiyo hama yako;
5 isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu.
zvichakuchengeta kure nomukadzi chifeve; kubva pamudzimai asingazvibati anokwezva namashoko ake.
6 Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale.
Napawindo remba yangu ndakatarira panze nomumagirazi.
7 Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
Ndakaona pakati pavasina mano ndikacherechedza pakati pamajaya, rimwe jaya rakanga risina njere.
8 Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
Rakanga richidzika nomugwagwa pedyo nepakona yomukadzi uya, richifamba rakananga kumba kwake,
9 Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
panguva yorubvunzavaeni, zuva ravira, kunze kwosviba.
10 Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
Ipapo mukadzi akabuda kuzosangana naye, akapfeka sechifeve uye azere nounyengeri.
11 Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; miilli ishee mana hin dhaabatu;
Anotaura noruzha uye anozvikudza, tsoka dzake hadzigari pamba;
12 takka daandii irratti, takka oobdii irratti, golee hundatti riphxee nama eeggatti.
imwe nguva ari munzira, imwe nguva ari pazvivara. Anorindira pamakona ose.
13 Isheen qabdee isa dhungatti; fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
Akamubata ndokumutsvoda, uye nechiso chisina nyadzi akati:
14 “Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera.
“Ndine zvipiriso zvokuwadzana kumba kwangu; nhasi ndazadzisa mhiko dzangu.
15 Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; ani barbaadee si argadheera!
Saka ndauya kuzosangana newe; ndanga ndichikutsvaka, zvino ndazokuwana!
16 Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, siree koo afee miidhagseera.
Ndawaridza mubhedha wangu machira ane mavara, anobva kuIjipiti.
17 Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan siree koo urgeesseera.
Ndasasa zvinonhuhwira pamubhedha wangu, zvinoti: mura, gavakava nesinamoni.
18 Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
Uya, tinwe tigute norudo kusvikira mangwanani; ngatifare zvedu norudo!
19 Dhirsi koo mana hin jiru; inni karaa dheeraa deemeera.
Murume wangu haako kumba, akafamba rwendo rurefu.
20 Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
Akatakura homwe yake izere nemari uye haangadzoki kumba kusvikira pajenaguru.”
21 Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
Namashoko okunyengetedza akamutsausa; akamukwezva nokutaura kwake kunonyengera.
22 Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
Pakarepo akamutevera senzombe inoenda kundobayiwa, senondo inopinda mumusungo,
23 akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
kusvikira museve wabaya chiropa chake, seshiri inokurumidza kupinda muugombe, asingazivi kuti zvichamuurayisa.
24 Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
Saka zvino, vanakomana vangu, teererai kwandiri; nyatsoteererai zvandinotaura.
25 Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
Usarega mwoyo wako uchitsaukira kunzira dzake, kana kurasikira pamakwara ake.
26 Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
Vazhinji vakakuvadzwa naye vakawisirwa pasi; vaakauraya vakawanda kwazvo.
27 Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha. (Sheol h7585)
Imba yake mugwagwa mukuru unoenda kuguva, uchitungamirira kumakamuri orufu. (Sheol h7585)

< Fakkeenya 7 >