< Fakkeenya 7 >
1 Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu.
My son, keep my words and treasure my commandments within you.
2 Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
Keep my commandments and live; guard my teachings as the apple of your eye.
3 Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
Tie them to your fingers; write them on the tablet of your heart.
4 Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
Say to wisdom, “You are my sister,” and call understanding your kinsman,
5 isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu.
that they may keep you from the adulteress, from the stranger with seductive words.
6 Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale.
For at the window of my house I looked through the lattice.
7 Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
I saw among the simple, I noticed among the youths, a young man lacking judgment,
8 Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
crossing the street near her corner, strolling down the road to her house,
9 Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
at twilight, as the day was fading into the dark of the night.
10 Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
Then a woman came out to meet him, with the attire of a harlot and cunning of heart.
11 Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; miilli ishee mana hin dhaabatu;
She is loud and defiant; her feet do not remain at home.
12 takka daandii irratti, takka oobdii irratti, golee hundatti riphxee nama eeggatti.
Now in the street, now in the squares, she lurks at every corner.
13 Isheen qabdee isa dhungatti; fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
She seizes him and kisses him; she brazenly says to him:
14 “Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera.
“I have made my peace offerings; today I have paid my vows.
15 Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; ani barbaadee si argadheera!
So I came out to meet you; I sought you, and I have found you.
16 Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, siree koo afee miidhagseera.
I have decked my bed with coverings, with colored linen from Egypt.
17 Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan siree koo urgeesseera.
I have perfumed my bed with myrrh, with aloes, and with cinnamon.
18 Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
Come, let us take our fill of love till morning. Let us delight in loving caresses!
19 Dhirsi koo mana hin jiru; inni karaa dheeraa deemeera.
For my husband is not at home; he has gone on a long journey.
20 Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
He took with him a bag of money and will not return till the moon is full.”
21 Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
With her great persuasion she entices him; with her flattering lips she lures him.
22 Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
He follows her on impulse, like an ox going to the slaughter, like a deer bounding into a trap,
23 akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
until an arrow pierces his liver, like a bird darting into a snare— not knowing it will cost him his life.
24 Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
Now, my sons, listen to me, and attend to the words of my mouth.
25 Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
Do not let your heart turn aside to her ways; do not stray into her paths.
26 Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
For she has brought many down to death; her slain are many in number.
27 Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha. (Sheol )
Her house is the road to Sheol, descending to the chambers of death. (Sheol )