< Fakkeenya 6 >

1 Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee harka dhooftee nama ormaatiif kakatte,
Mwanangu, kama utaweka pesa zako kuwa dhamana kwa mkopo wa jirani yako; kama ukitoa ahadi yako katika mkopo wa mtu usiyemjua,
2 yoo waanuma dubbatteen qabamtee dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente,
basi umejiwekea mtego mwenyewe na umenaswa kwa maneno ya kinywa chako.
3 yoos yaa ilma ko, ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf ati of baasuudhaaf dafii dhaqiitii gad of qabii jabeessiitii ollaa kee kadhadhu!
Mwanagu, ukinaswa kwa maneno yako mwenyewe, fanya haya ili kujiokoa, kwa kuwa umeangukia kwenye mikono ya jirani yako; nenda unyenyekee na ufanye shauri mbele ya jirani yako.
4 Ija keetiif hirriba, baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin.
Usiruhusu usingizi katika macho yako wala kope za macho yako kusinzia.
5 Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti, akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi.
Jiokoe mwenyewe kama swala kutoka katika mkono wa mwindaji, kama ndege kutoka katika mkono wa mwinda ndege.
6 Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!
Wewe mtu mvivu, mwangalie mchwa, zitafakari njia zake ili kupata busara.
7 Inni ajajaa hin qabu; toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;
Hana akida, afisa au mtawala,
8 taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata; yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.
lakini huandaa chakula chake wakati wa joto na wakati wa mavuno huweka hazina ili kula baadaye.
9 Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta? Ati yoomi hirriba keetii kaata?
Ewe mtu mvivu, utalala hata lini? Wakati gani utainuka usingizini?”
10 Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa, xinnoo harka walitti marachuu,
Lala kidogo, sizia kidogo, kunja mikono kupumzika kidogo” -
11 hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa; deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
ndipo umasikini wako utakapokujia kama mporaji na uhitaji wako kama askari wa vita.
12 Namni rakkisaan, namni hamaan, dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa;
Mtu asiyefaa-mtu mwovu- huishi kwa kauli za udanganyifu wake,
13 inni ijaan dhaʼa; miilla isaatiinis mallattoo kenna; quba isaatiin argisiisa;
akipepesa macho yake, akiashilia kwa miguu yake na kusonta kwa videle vyake.
14 inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada; yeroo hundas lola kakaasa.
Hufanya njama za uovu kwa hila ya moyo wake; daima huchochea faraka.
15 Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu.
Kwa hiyo msiba wake utamkumba kwa ghafula, punde atavunjika vibaya wala hatapona.
16 Waaqayyo waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
Kuna vitu sita ambavyo Yehova huvichukia, saba ambavyo ni chukizo kwake.
17 Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
Macho ya mtu mwenye kiburi, ulimi wa uongo, mikono inayomwaga damu ya watu maasumu,
18 garaa mala hamaa malu, miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
moyo unaobuni njama mbaya, miguu inayokimbilia maovu upesi,
19 dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.
shahidi asemaye uongo na apandaye faraka kati ya ndugu.
20 Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Mwanangu, itii amri ya baba yako na wala usiyaache mafundisho ya mama yako.
21 Bara baraan garaa keetti qabadhu; morma keettis hidhadhu.
Uyafunge katika moyo wako siku zote; yafunge kwenye shingo yako.
22 Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; yeroo ati raftu si eegu; yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.
utembeapo, yatakuongoza; ulalapo yatakulinda, na uamkapo yatakufundisha.
23 Ajajni kun ibsaadhaatii; barsiisni kunis ifa; sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
Maana amri ni taa, na mafundisho ni nuru; kinga za kuadilisha za njia ya uzima.
24 isaan dubartii hamtuu irraa, niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu.
Yanakulinda dhidi ya mwanamke malaya, dhidi ya maneno laini ya uzinzi.
25 Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin; yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin.
Moyoni mwako usiutamani uzuri wake wala usitekwe katika kope zake.
26 Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii; ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
Kulala na malaya inaweza kugharimu bei ya kipande cha mkate, lakini mke wa mtu mwingine inagharimu uzima wako wote.
27 Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
Je mtu anaweza kubeba moto katika kifua chake bila kuuguza mavazi yake?
28 Namni ibidda cilee irra ejjetee miilli isaa hin gubanne jiraa?
Je mtu anaweza kutembea juu ya makaa bila kuchomwa miguu yake?
29 Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa; namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
Ndivyo alivyo mtu alalaye na mke wa jirani yake; yule alalaye na huyo mke hatakosa adhabu.
30 Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate, namoonni hin tuffatan.
Watu hawawezi kumdharau mwizi kama anaiba ili kukidhi hitaji lake la njaa.
31 Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa; miʼa mana isaa hundas ni kenna.
Walakini akimatwa, atalipa mara saba ya kile alichoiba; lazima atoe kila kitu cha thamani katika nyumba yake.
32 Namni sagaagalu qalbii hin qabu; namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
Mtu anayefanya uzinzi hana akili; hufanya hiyo kwa uharibifu wake mwenyewe.
33 Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha; qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
Anasitahili aibu na majeraha na fedheha yake haiwezi kuondolewa.
34 Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii; inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
Maana vivu humghadhibisha mtu; hatakuwa na huruma wakati wa kulipa kisasi chake.
35 Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu; hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.
Ujapompa zawadi nyingi, hatakubali mbadala wa kusuruhishwa wala kulipwa.

< Fakkeenya 6 >