< Fakkeenya 6 >

1 Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee harka dhooftee nama ormaatiif kakatte,
בני אם ערבת לרעך תקעת לזר כפיך׃
2 yoo waanuma dubbatteen qabamtee dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente,
נוקשת באמרי פיך נלכדת באמרי פיך׃
3 yoos yaa ilma ko, ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf ati of baasuudhaaf dafii dhaqiitii gad of qabii jabeessiitii ollaa kee kadhadhu!
עשה זאת אפוא בני והנצל כי באת בכף רעך לך התרפס ורהב רעיך׃
4 Ija keetiif hirriba, baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin.
אל תתן שנה לעיניך ותנומה לעפעפיך׃
5 Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti, akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi.
הנצל כצבי מיד וכצפור מיד יקוש׃
6 Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!
לך אל נמלה עצל ראה דרכיה וחכם׃
7 Inni ajajaa hin qabu; toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;
אשר אין לה קצין שטר ומשל׃
8 taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata; yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.
תכין בקיץ לחמה אגרה בקציר מאכלה׃
9 Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta? Ati yoomi hirriba keetii kaata?
עד מתי עצל תשכב מתי תקום משנתך׃
10 Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa, xinnoo harka walitti marachuu,
מעט שנות מעט תנומות מעט חבק ידים לשכב׃
11 hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa; deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
ובא כמהלך ראשך ומחסרך כאיש מגן׃
12 Namni rakkisaan, namni hamaan, dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa;
אדם בליעל איש און הולך עקשות פה׃
13 inni ijaan dhaʼa; miilla isaatiinis mallattoo kenna; quba isaatiin argisiisa;
קרץ בעינו מלל ברגלו מרה באצבעתיו׃
14 inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada; yeroo hundas lola kakaasa.
תהפכות בלבו חרש רע בכל עת מדנים ישלח׃
15 Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu.
על כן פתאם יבוא אידו פתע ישבר ואין מרפא׃
16 Waaqayyo waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
שש הנה שנא יהוה ושבע תועבות נפשו׃
17 Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
עינים רמות לשון שקר וידים שפכות דם נקי׃
18 garaa mala hamaa malu, miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
לב חרש מחשבות און רגלים ממהרות לרוץ לרעה׃
19 dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.
יפיח כזבים עד שקר ומשלח מדנים בין אחים׃
20 Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
נצר בני מצות אביך ואל תטש תורת אמך׃
21 Bara baraan garaa keetti qabadhu; morma keettis hidhadhu.
קשרם על לבך תמיד ענדם על גרגרתך׃
22 Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; yeroo ati raftu si eegu; yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.
בהתהלכך תנחה אתך בשכבך תשמר עליך והקיצות היא תשיחך׃
23 Ajajni kun ibsaadhaatii; barsiisni kunis ifa; sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
כי נר מצוה ותורה אור ודרך חיים תוכחות מוסר׃
24 isaan dubartii hamtuu irraa, niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu.
לשמרך מאשת רע מחלקת לשון נכריה׃
25 Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin; yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin.
אל תחמד יפיה בלבבך ואל תקחך בעפעפיה׃
26 Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii; ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
כי בעד אשה זונה עד ככר לחם ואשת איש נפש יקרה תצוד׃
27 Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
היחתה איש אש בחיקו ובגדיו לא תשרפנה׃
28 Namni ibidda cilee irra ejjetee miilli isaa hin gubanne jiraa?
אם יהלך איש על הגחלים ורגליו לא תכוינה׃
29 Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa; namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
כן הבא אל אשת רעהו לא ינקה כל הנגע בה׃
30 Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate, namoonni hin tuffatan.
לא יבוזו לגנב כי יגנוב למלא נפשו כי ירעב׃
31 Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa; miʼa mana isaa hundas ni kenna.
ונמצא ישלם שבעתים את כל הון ביתו יתן׃
32 Namni sagaagalu qalbii hin qabu; namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
נאף אשה חסר לב משחית נפשו הוא יעשנה׃
33 Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha; qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
נגע וקלון ימצא וחרפתו לא תמחה׃
34 Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii; inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
כי קנאה חמת גבר ולא יחמול ביום נקם׃
35 Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu; hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.
לא ישא פני כל כפר ולא יאבה כי תרבה שחד׃

< Fakkeenya 6 >