< Fakkeenya 5 >

1 Yaa ilma ko, ogummaa koo qalbeeffadhu; hubannaa kootiif illee gurra kenni;
בני לחכמתי הקשיבה לתבונתי הט-אזנך
2 kunis akka ati hubannaa turfattee arrabni kees beekumsa kuufattuuf.
לשמר מזמות ודעת שפתיך ינצרו
3 Hidhiin ejjituu damma coccobsa; haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
כי נפת תטפנה שפתי זרה וחלק משמן חכה
4 dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti; akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
ואחריתה מרה כלענה חדה כחרב פיות
5 Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa; tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa. (Sheol h7585)
רגליה ירדות מות שאול צעדיה יתמכו (Sheol h7585)
6 Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu; daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
ארח חיים פן-תפלס נעו מעגלתיה לא תדע
7 Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
ועתה בנים שמעו-לי ואל-תסורו מאמרי-פי
8 Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa; balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
הרחק מעליה דרכך ואל-תקרב אל-פתח ביתה
9 kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif, umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
פן-תתן לאחרים הודך ושנתיך לאכזרי
10 akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata; dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
פן-ישבעו זרים כחך ועצביך בבית נכרי
11 Dhuma jireenya keetiitti, yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
ונהמת באחריתך בכלות בשרך ושארך
12 Atis akkana jetta; “Ani akkamittin adabamuu jibbee! Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
ואמרת--איך שנאתי מוסר ותוכחת נאץ לבי
13 Ani barsiistota kootiif hin ajajamne yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
ולא-שמעתי בקול מורי ולמלמדי לא-הטיתי אזני
14 Ani waldaa guutuu gidduutti qarqara badiisaa gaʼeen ture.”
כמעט הייתי בכל-רע-- בתוך קהל ועדה
15 Eela kee keessaa bishaan, boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi.
שתה-מים מבורך ונזלים מתוך בארך
16 Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa?
יפוצו מעינתיך חוצה ברחבות פלגי-מים
17 Isaan kan kee haa taʼan; ormi si wajjin qooddachuu hin qabu.
יהיו-לך לבדך ואין לזרים אתך
18 Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
יהי-מקורך ברוך ושמח מאשת נעורך
19 Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
אילת אהבים ויעלת-חן דדיה ירוך בכל-עת באהבתה תשגה תמיד
20 Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
ולמה תשגה בני בזרה ותחבק חק נכריה
21 Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Waaqayyoo dura jiraatii; innis daandii namaa hunda ni toʼata.
כי נכח עיני יהוה--דרכי-איש וכל-מעגלתיו מפלס
22 Balleessaan nama hamaa isuma qabaata; funyoon cubbuu isaa jabeessee isa qaba.
עוונתיו--ילכדנו את-הרשע ובחבלי חטאתו יתמך
23 Inni sababii adabamuu dhabeef duʼa; guddinni gowwummaa isaas karaa irraa isa balleessa.
הוא--ימות באין מוסר וברב אולתו ישגה

< Fakkeenya 5 >