< Fakkeenya 4 >
1 Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
Sikilizeni wanangu, mafundisho ya baba yenu; sikilizeni kwa makini na mpate ufahamu.
2 Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.
Ninawapa mafundisho ya maana, kwa hiyo msiyaache mafundisho yangu.
3 Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,
Nilipokuwa mvulana mdogo katika nyumba ya baba yangu, ningali mchanga na mtoto pekee kwa mama yangu,
4 inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
baba alinifundisha akisema, “Yashike maneno yangu yote kwa moyo wako wote; yashike maagizo yangu na wewe utaishi.
5 Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.
Pata hekima, pata ufahamu; usiyasahau maneno yangu wala usiyaache.
6 Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.
Usimwache hekima naye atakuweka salama; mpende, naye atakulinda.
7 Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
Hekima ni bora kuliko vitu vyote; kwa hiyo jipe hekima. Hata ikikugharimu vyote ulivyo navyo, pata ufahamu.
8 Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; isa hammadhu; innis si kabajaatii.
Mstahi, naye atakukweza; mkumbatie, naye atakuheshimu.
9 Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”
Atakuvika shada la neema kichwani mwako na kukupa taji ya utukufu.”
10 Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa.
Sikiliza mwanangu, kubali ninachokuambia, nayo miaka ya maisha yako itakuwa mingi.
11 Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa.
Ninakuongoza katika njia ya hekima na kukuongoza katika mapito yaliyonyooka.
12 Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; yoo fiigdu illee ati hin gufattu.
Utembeapo, hatua zako hazitazuiliwa; ukimbiapo, hutajikwaa.
13 Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.
Mkamate sana elimu, usimwache aende zake; mshike, maana yeye ni uzima wako.
14 Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.
Usiuweke mguu wako katika njia ya waovu wala usitembee katika njia ya watu wabaya.
15 Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.
Epukana nayo, usisafiri katika njia hiyo; achana nayo, na uelekee njia yako.
16 Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.
Kwa kuwa hawawezi kulala mpaka watende uovu; wanashindwa hata kusinzia mpaka wamwangushe mtu.
17 Isaan buddeena hamminaa nyaatu; daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.
Wanakula mkate wa uovu, na kunywa mvinyo wa jeuri.
18 Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.
Njia ya wenye haki ni kama nuru ya kwanza ya mapambazuko, ambayo hungʼaa zaidi na zaidi mpaka mchana mkamilifu.
19 Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.
Lakini njia ya waovu ni kama giza nene; hawajui kinachowafanya wajikwae.
20 Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni.
Mwanangu, yasikilize kwa makini yale ninayokuambia; sikiliza kwa makini maneno yangu.
21 Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu;
Usiruhusu yaondoke machoni pako, yahifadhi ndani ya moyo wako;
22 inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.
kwa sababu ni uzima kwa wale wanaoyapata na afya kwa mwili wote wa mwanadamu.
23 Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
Zaidi ya yote, linda moyo wako, kuliko yote uyalindayo, maana ndiko zitokako chemchemi za uzima.
24 Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.
Epusha kinywa chako na ukaidi; weka mazungumzo machafu mbali na midomo yako.
25 Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.
Macho yako na yatazame mbele, kaza macho yako moja kwa moja mbele yako.
26 Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu.
Sawazisha mapito ya miguu yako na njia zako zote ziwe zimethibitika.
27 Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.
Usigeuke kulia wala kushoto; epusha mguu wako na ubaya.