< Fakkeenya 31 >
1 Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
Maganganun Sarki Lemuwel, magana ce horarriya mahaifiyarsa ta koya masa,
2 “Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko,
“Ka saurara, ya ɗana! Ka saurara, ɗan cikina! Ka saurara, ya ɗan amshin addu’ata!
3 humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
Kada ka ba da ƙarfinka a kan mata, ƙarfinka ga waɗanda suka hallaka sarakuna.
4 “Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
“Ba na sarakuna ba ne, ya Lemuwel, ba na sarakuna ba ne su sha ruwan inabi, ba na masu mulki ba ne su yi marmarin barasa,
5 kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
don kada su sha su manta da abin da doka ta umarta, su hana wa waɗanda aka danne hakkinsu.
6 Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
A ba da barasa ga waɗanda suke cikin halin ƙaƙa naka yi, ruwan inabi ga waɗanda suke cikin wahala;
7 isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
bari su sha su manta da talaucinsu kada kuma su ƙara tunawa da ɓacin ransu.
8 “Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi.
“Yi magana domin bebaye, domin hakkin dukan waɗanda suke naƙasassu.
9 Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
Yi magana a kuma yi shari’ar adalci; a tsare hakkin talakawa da masu bukata.”
10 Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Wa yake iya samun mace mai halin kirki? Darajarta ta fi ta lu’ulu’ai.
11 Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
Mijinta yana da cikakken amincewa da ita kuma ba ya rasa wani abu mai daraja.
12 Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
Takan yi masa alheri ba mugunta ba, dukan kwanakin ranta.
13 Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
Takan zaɓi ulu da lilin ta yi ta saƙa da hannuwanta da farin ciki.
14 Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
Ita kamar jirgin’yan kasuwa ne tana kawo abincinta daga nesa.
15 Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
Takan farka tun da sauran duhu; ta tanada wa iyalinta abinci ta kuma shirya wa’yan matan gidanta ayyukan da za su yi.
16 Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
Takan lura da gona sosai ta kuma saye ta; daga abin da take samu na kuɗin shiga take shuka gonar inabi.
17 Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
Takan himmantu tă yi aikinta tuƙuru; hannuwanta suna da ƙarfi domin ayyukanta.
18 Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
Takan tabbata akwai riba a kasuwancinta, kuma fitilarta ba ya mutuwa da dare.
19 Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti.
Da hannunta take riƙe abin kaɗi ta kuma kama abin saƙa da yatsotsinta.
20 Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
Takan marabci talakawa takan kuma taimaki masu bukata.
21 Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
Sa’ad da ƙanƙara ta fāɗi, ba ta jin tsoro saboda gidanta; gama dukansu suna da tufafi masu kauri.
22 Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
Takan yi wa gadonta kayan shimfiɗa; tufafinta kuma na lilin ne mai laushi na shunayya.
23 Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
Ana girmama mijinta a ƙofar shiga birni inda yakan zauna a cikin dattawan gari.
24 Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
Takan yi riguna na lilin ta sayar; takan kuma sayar wa’yan kasuwa da ɗamara.
25 Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
Ƙarfi da mutunci su ne suturarta; za tă iya yin dariyar kwanaki masu zuwa.
26 Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
Tana magana da hikima, kuma umarnai mai aminci yana a harshenta.
27 Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
Tana lura da sha’anin gidanta kuma ba ta cin abincin ƙyuya.
28 Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
’Ya’yanta sukan tashi su ce da ita mai albarka; haka mijinta ma, yakan kuma yabe ta yana cewa,
29 “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.”
“Mata da yawa suna yin abubuwan yabo, amma ke kin fi su duka.”
30 Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
Kayan tsari yana ruɗu, kyau kuma kan shuɗe; amma mace mai tsoron Ubangiji abar yabo ce.
31 Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.
Ka ba ta ladar da ya dace tă samo wa kanta, bari kuma ayyukanta su kawo mata yabo a ƙofar shiga birni.