< Fakkeenya 31 >

1 Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
The words given to King Lemuel; the prophecy which his mother taught him.
2 “Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko,
What, O my son! and what, O son of my womb! Yea, what, O son of my vows! [[shall I say to thee?]]
3 humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
Give not thy strength to women, Nor thy ways to that which destroyeth kings!
4 “Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
It is not for kings, O Lemuel! It is not for kings to drink wine, Nor for princes to desire strong drink;
5 kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
Lest they drink, and forget the law, And pervert the rights of any of the afflicted.
6 Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
Give strong drink to him who is ready to perish, And wine to him that hath a heavy heart;
7 isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
Let him drink and forget his poverty, And remember his misery no more!
8 “Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi.
Open thy mouth for the dumb, In the cause of every orphan!
9 Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
Open thy mouth, judge righteously, And maintain the cause of the poor and needy!
10 Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Who can find a capable woman? Her worth is far above pearls.
11 Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
The heart of her husband trusteth in her, And he is in no want of gain.
12 Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
She doeth him good, and not evil, All the days of her life.
13 Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
She seeketh wool and flax, And worketh willingly with her hands.
14 Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
She is like the merchants' ships; She bringeth her food from afar.
15 Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
She riseth while it is yet night, And giveth food to her family, And a task to her maidens.
16 Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
She layeth a plan for a field, and buyeth it; With the fruit of her hands she planteth a vineyard.
17 Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
She girdeth her loins with strength, And maketh strong her arms.
18 Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
She perceiveth how pleasant is her gain, And her lamp is not extinguished in the night.
19 Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti.
She putteth forth her hands to the distaff, And her hands take hold of the spindle.
20 Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
She spreadeth out her hand to the poor, Yea, she reacheth forth her hands to the needy.
21 Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
She hath no fear for her household on account of the snow, For all her household are clothed with crimson.
22 Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
She maketh for herself coverlets; Her clothing is of fine linen and purple.
23 Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
Her husband is known in the gates, When he sitteth with the elders of the land.
24 Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
She maketh linen garments and selleth them, And delivereth girdles to the merchant.
25 Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
Strength and honor are her clothing; And she laugheth at the days to come.
26 Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
She openeth her mouth with wisdom, And kind instruction is upon her tongue.
27 Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
She looketh well to the ways of her household, And eateth not the bread of idleness.
28 Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
Her children rise up, and extol her; Her husband, and praiseth her, [[saving, ]]
29 “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.”
“Many daughters have done, virtuously, But thou excellest them all.”
30 Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
Grace is deceitful, and beauty vain; But the woman that feareth the LORD, she shall be praised.
31 Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.
Give ye her of the fruit of her hands, And let her works praise her in the gates.

< Fakkeenya 31 >