< Fakkeenya 30 >

1 Jecha Aguur ilma Yaaqee. Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame: “Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate:
Misemo ya Aguri mwana wa Yake, usia: Huyu mtu alimwambia Ithieli, naam, kwa Ithieli na kwa Ukali:
2 Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti; ani hubannaa namni qabu hin qabu.
“Mimi ni mjinga kuliko wanadamu wote; sina ufahamu wa kibinadamu.
3 Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa Isa Qulqulluu sanaa hin qabu.
Sijajifunza hekima, wala sina maarifa ya kumjua yeye Aliye Mtakatifu.
4 Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe? Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu? Namni bishaan uffataan mare eenyu? Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu? Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu? Mee yoo beekte natti himi!
Ni nani ameshapanda mbinguni na kushuka? Ni nani ameshakusanya upepo kwenye vitanga vya mikono yake? Ni nani ameshafungia maji kwenye nguo yake? Ni nani ameimarisha miisho yote ya dunia? Jina lake ni nani, na mwanawe anaitwa nani? Niambie kama unajua!
5 “Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
“Kila neno la Mungu ni kamilifu; yeye ni ngao kwa wale wanaomkimbilia.
6 Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
Usiongeze kwenye maneno yake, ama atakukemea na kukuthibitisha kuwa mwongo.
7 “Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin.
“Ninakuomba vitu viwili, Ee Bwana; usininyime kabla sijafa:
8 Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
Uutenge mbali nami udanganyifu na uongo; usinipe umaskini wala utajiri, bali unipe chakula cha kunitosha kila siku.
9 Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.
Nisije nikawa na vingi vya kuzidi nikakukana na kusema, ‘Bwana ni nani?’ Au nisije nikawa maskini nikaiba, nami nikaliaibisha jina la Mungu wangu.
10 “Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta.
“Usimchongee mtumishi kwa bwana wake, asije akakulaani, ukapatilizwa kwalo.
11 “Dhaloota abbaa isaa abaaru kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira;
“Wako watu wale ambao huwalaani baba zao na wala hawawabariki mama zao;
12 dhaloota qulqulluu of seʼu, kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru;
wale ambao ni safi machoni pao wenyewe kumbe hawakuoshwa uchafu wao;
13 dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
wale ambao daima macho yao ni ya kiburi, ambao kutazama kwao ni kwa dharau;
14 dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.
wale ambao meno yao ni panga na ambao mataya yao yamewekwa visu kuwaangamiza maskini katika nchi, na wahitaji kutoka miongoni mwa wanadamu.
15 “Dhulaandhulli intallan, ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira:
“Mruba anao binti wawili waliao, ‘Nipe! Nipe!’ “Kuna vitu vitatu visivyotosheka kamwe, naam, viko vinne visivyosema, ‘Yatosha!’:
16 isaanis Siiʼool, gadameessa maseene, lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha. (Sheol h7585)
Ni kaburi, tumbo lisilozaa, nchi isiyoshiba maji kamwe, na moto, usiosema kamwe, ‘Yatosha!’ (Sheol h7585)
17 “Ija abbaatti qoosu, kan ajaja haadhaa tuffatu arraagessa sululaatiin baafama; joobiraanis ni nyaatama.
“Jicho lile limdhihakilo baba, lile linalodharau kumtii mama, litangʼolewa na kunguru wa bondeni, litaliwa na tai.
18 “Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis:
“Kuna vitu vitatu vinavyonishangaza sana, naam, vinne nisivyovielewa:
19 Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
Ni mwendo wa tai katika anga, mwendo wa nyoka juu ya mwamba, mwendo wa meli katika maji makuu ya bahari, nao mwendo wa mtu pamoja na msichana.
20 “Karaan ejjituu kana: Isheen waa nyaattee afaan haqatti; ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.
“Huu ndio mwendo wa mwanamke mzinzi, hula akapangusa kinywa chake na kusema, ‘Sikufanya chochote kibaya.’
21 “Lafti waan sadii jalatti hollatti; afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis:
“Kwa mambo matatu nchi hutetemeka, naam, kwa mambo manne haiwezi kuvumilia:
22 Garbicha mootii taʼu, gowwaa nyaatee quufu,
Mtumwa awapo mfalme, mpumbavu ashibapo chakula,
23 dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu, garbittii giiftii ishee dhaaltu.
mwanamke asiyependwa aolewapo, naye mtumishi wa kike achukuapo nafasi ya bibi yake.
24 “Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru; taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis:
“Vitu vinne duniani vilivyo vidogo, lakini vina akili nyingi sana:
25 Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha; taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban;
Mchwa ni viumbe wenye nguvu ndogo, hata hivyo hujiwekea akiba ya chakula chao wakati wa kiangazi.
26 osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha; garuu kattaa keessa jiraatu;
Pelele ni viumbe vyenye uwezo mdogo hata hivyo hujitengenezea nyumba zao kwenye miamba.
27 hawwaannisni mootii hin qabu; garuu tarree galee yaaʼa;
Nzige hawana mfalme, hata hivyo huenda pamoja vikosi vikosi.
28 loccuun harkaan qabamuu dandeessi; garuu masaraa mootii keessatti argamti.
Mjusi anaweza kushikwa kwa mkono, hata hivyo huonekana katika majumba ya kifalme.
29 “Wantoota deemsa tolan sadiitu jira; kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis:
“Viko vitu vitatu ambavyo vinapendeza katika mwendo wao, naam, vinne ambavyo hutembea kwa mwendo wa madaha:
30 Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine;
simba, mwenye nguvu miongoni mwa wanyama, asiyerudi nyuma kwa chochote;
31 korma indaanqoo kan kooraa deemu, korbeessa reʼeetii fi, mootii loltoota isaa dura deemu.
jogoo atembeaye kwa maringo, pia beberu, naye mfalme pamoja na jeshi lake lililomzunguka.
32 “Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte, yookaan yoo hammina malatte, harka kee afaan kee irra kaaʼadhu!
“Ikiwa umefanya upumbavu na ukajitukuza mwenyewe, au kama umepanga mabaya, basi funika mdomo wako na mkono wako.
33 Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu, funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana, aarii kakaasuun lola fida.”
Kwa maana kama vile kusukasuka maziwa hutoa siagi, na pia kule kufinya pua hutoa damu, kadhalika kuchochea hasira hutokeza ugomvi.”

< Fakkeenya 30 >