< Fakkeenya 30 >

1 Jecha Aguur ilma Yaaqee. Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame: “Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate:
雅基的兒子亞古珥的言語就是真言。 這人對以鐵和烏甲說:
2 Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti; ani hubannaa namni qabu hin qabu.
我比眾人更蠢笨, 也沒有人的聰明。
3 Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa Isa Qulqulluu sanaa hin qabu.
我沒有學好智慧, 也不認識至聖者。
4 Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe? Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu? Namni bishaan uffataan mare eenyu? Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu? Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu? Mee yoo beekte natti himi!
誰升天又降下來? 誰聚風在掌握中? 誰包水在衣服裏? 誰立定地的四極? 他名叫甚麼? 他兒子名叫甚麼? 你知道嗎?
5 “Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
上帝的言語句句都是煉淨的; 投靠他的,他便作他們的盾牌。
6 Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
他的言語,你不可加添, 恐怕他責備你,你就顯為說謊言的。
7 “Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin.
我求你兩件事, 在我未死之先,不要不賜給我:
8 Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
求你使虛假和謊言遠離我; 使我也不貧窮也不富足; 賜給我需用的飲食,
9 Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.
恐怕我飽足不認你,說: 耶和華是誰呢? 又恐怕我貧窮就偷竊, 以致褻瀆我上帝的名。
10 “Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta.
你不要向主人讒謗僕人, 恐怕他咒詛你,你便算為有罪。
11 “Dhaloota abbaa isaa abaaru kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira;
有一宗人,咒詛父親, 不給母親祝福。
12 dhaloota qulqulluu of seʼu, kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru;
有一宗人,自以為清潔, 卻沒有洗去自己的污穢。
13 dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
有一宗人,眼目何其高傲, 眼皮也是高舉。
14 dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.
有一宗人,牙如劍,齒如刀, 要吞滅地上的困苦人和世間的窮乏人。
15 “Dhulaandhulli intallan, ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira:
螞蟥有兩個女兒, 常說:給呀,給呀! 有三樣不知足的, 連不說「夠的」共有四樣:
16 isaanis Siiʼool, gadameessa maseene, lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha. (Sheol h7585)
就是陰間和石胎, 浸水不足的地,並火。 (Sheol h7585)
17 “Ija abbaatti qoosu, kan ajaja haadhaa tuffatu arraagessa sululaatiin baafama; joobiraanis ni nyaatama.
戲笑父親、藐視而不聽從母親的, 他的眼睛必為谷中的烏鴉啄出來,為鷹雛所吃。
18 “Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis:
我所測不透的奇妙有三樣, 連我所不知道的共有四樣:
19 Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
就是鷹在空中飛的道; 蛇在磐石上爬的道; 船在海中行的道; 男與女交合的道。
20 “Karaan ejjituu kana: Isheen waa nyaattee afaan haqatti; ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.
淫婦的道也是這樣: 她吃了,把嘴一擦就說: 我沒有行惡。
21 “Lafti waan sadii jalatti hollatti; afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis:
使地震動的有三樣, 連地擔不起的共有四樣:
22 Garbicha mootii taʼu, gowwaa nyaatee quufu,
就是僕人作王; 愚頑人吃飽;
23 dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu, garbittii giiftii ishee dhaaltu.
醜惡的女子出嫁; 婢女接續主母。
24 “Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru; taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis:
地上有四樣小物,卻甚聰明:
25 Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha; taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban;
螞蟻是無力之類, 卻在夏天預備糧食。
26 osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha; garuu kattaa keessa jiraatu;
沙番是軟弱之類, 卻在磐石中造房。
27 hawwaannisni mootii hin qabu; garuu tarree galee yaaʼa;
蝗蟲沒有君王, 卻分隊而出。
28 loccuun harkaan qabamuu dandeessi; garuu masaraa mootii keessatti argamti.
守宮用爪抓牆, 卻住在王宮。
29 “Wantoota deemsa tolan sadiitu jira; kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis:
步行威武的有三樣, 連行走威武的共有四樣:
30 Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine;
就是獅子-乃百獸中最為猛烈、無所躲避的,
31 korma indaanqoo kan kooraa deemu, korbeessa reʼeetii fi, mootii loltoota isaa dura deemu.
獵狗,公山羊,和無人能敵的君王。
32 “Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte, yookaan yoo hammina malatte, harka kee afaan kee irra kaaʼadhu!
你若行事愚頑,自高自傲, 或是懷了惡念,就當用手摀口。
33 Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu, funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana, aarii kakaasuun lola fida.”
搖牛奶必成奶油; 扭鼻子必出血。 照樣,激動怒氣必起爭端。

< Fakkeenya 30 >