< Fakkeenya 3 >
1 Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; ajaja koos garaatti qabadhu;
Mwanangu, usizisahau amri zangu na uyatunze mafundisho yangu katika moyo wako,
2 isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
maana ziatakuongezea siku zako na miaka ya maisha yako na amani.
3 Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
Usiache utiifu wa agano na uaminifu viondoke kwako, vifunge katika shingo yako, viandike katika vibao vya moyo wako.
4 Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
Ndipo utapata kibali na heshima mbele Mungu na wanadamu.
5 Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
Mtegemee Yehova kwa moyo wako wote na wala usitegemee ufahamu wako mwenyewe,
6 karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
katika njia zako zote mkiri Yeye na yeye atayanyosha mapito yako.
7 Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
Usiwe mwenye busara machoni pako mwenyewe; mche Yehova na jiepushe na uovu.
8 Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.
Itakuponya mwili wako na kukuburudisha mwili wako.
9 Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
Mheshimu Yehova kwa utajiri wako na kwa malimbuko ya mazao kwa kila unachozalisha,
10 yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
na ndipo ghala zako zitajaa na mapipa makubwa yatafurika kwa divai mpya.
11 Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin.
Mwanangu, usidharau kuadibishwa na Yohova na wala usichukie karipio lake,
12 Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
maana Yehova huwaadibisha wale wapendao, kama baba anavyoshughulika kwa mtoto wake ampendezaye.
13 Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
Yeye apataye hekima anafuraha, naye hupata ufahamu.
14 ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
Kwani katika hekima unapata manufaa kuliko ukibadilisha kwa fedha na faida yake inafaa zaidi kuliko dhahabu.
15 Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
Hekima inathamani zaidi kuliko kito, na hakuna unachokitamani kinaweza kulinganishwa na hekima.
16 Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
Yeye anasiku nyingi katika mkono wake wa kuume; na mkono wake wa kushoto ni utajiri na heshima.
17 Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; daandiin ishee hundis nagaa dha.
Njia zake ni njia za ukarimu na mapito yake ni amani.
18 Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
Yeye ni mti wa uzima kwa wale wanaomshikilia, wale wanaomshikilia wanafuraha.
19 Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
Kwa hekima Yehova aliweka msingi wa dunia, kwa ufahamu aliziimarisha mbingu.
20 beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; duumessoonnis fixeensa coccobsan.
Kwa maarifa yake vina vilipasuka na mawingu kudondosha umande wake.
21 Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
Mwanangu, zingatia hukumu ya kweli na ufahamu, na wala usiache kuvitazama.
22 isaan jireenya siif taʼu; morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
Vitakuwa uzima wa nafsi yako na urembo wa hisani wa kuvaa shingoni mwako.
23 Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; miilli kees hin gufatu;
Ndipo utatembea katika njia yako kwa usalama na mguu wako hautajikwaa;
24 ati yoo raftu hin sodaattu; hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
ulalapo hutaogopa; utakapolala, usingizi wako utakuwa mtamu.
25 Balaa akkuma tasaa sitti dhufu yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
Usitishwe na hofu ya ghafula au uharibifu uliosababishwa na waovu unapotokea,
26 Waaqayyo irkoo siif taʼaatii; akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
kwa maana Yehova utakuwa upande wako na ataulinda mguu wako usinaswe kwenye mtego.
27 Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
Usizuie mema kwa wale wanaoyastahili, wakati utendaji upo ndani ya mamlaka yako.
28 Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
Jirani yako usimwambie, “Nenda, na uje tena, na kesho nitakupa,” wakati pesa unazo.
29 Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee waan hamaa itti hin yaadin.
Usiweke mpango wa kumdhuru jirani yako- anayeishi jirani nawe na yeye anakuamini.
30 Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin akkasumaan hin miidhin.
Usishindane na mtu pasipo sababu, ikiwa hajafanya chochote kukudhuru.
31 Nama dabaatti hin hinaafin; yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
Usimhusudu mtu jeuri au kuchagua njia zake zozote.
32 Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
Maana mtu mjanja ni chukizo kwa Yehova, bali humleta mtu mwaminifu kwenye tumaini lake.
33 Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa; inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
Laana ya Yehova ipo katika nyumba ya watu waovu, bali huibariki maskani ya watu wenye haki.
34 Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
Yeye huwadhihaki wenye dhihaka, bali huwapa hisani watu wanyenyekevu.
35 Ogeeyyiin ulfina dhaalu; gowwoota garuu inni ni qaanessa.
Watu wenye busara huirithi heshima, bali wapumbavu huinuliwa kwa fedheha yao wenyewe.