< Fakkeenya 3 >

1 Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; ajaja koos garaatti qabadhu;
My son, do not forget my teaching, but let your heart keep my commandments;
2 isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
for they will add length to your days, years and peace to your life.
3 Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
Never let loving devotion or faithfulness leave you; bind them around your neck, write them on the tablet of your heart.
4 Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
Then you will find favor and high regard in the sight of God and man.
5 Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
Trust in the LORD with all your heart, and lean not on your own understanding;
6 karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
in all your ways acknowledge Him, and He will make your paths straight.
7 Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
Be not wise in your own eyes; fear the LORD and turn away from evil.
8 Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.
This will bring healing to your body and refreshment to your bones.
9 Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
Honor the LORD with your wealth and with the firstfruits of all your harvest;
10 yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
then your barns will be filled with plenty, and your vats will overflow with new wine.
11 Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin.
My son, do not reject the discipline of the LORD, and do not loathe His rebuke;
12 Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
for the LORD disciplines the one He loves, as does a father the son in whom he delights.
13 Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
Blessed is the man who finds wisdom, the man who acquires understanding,
14 ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
for she is more profitable than silver, and her gain is better than fine gold.
15 Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
She is more precious than rubies; nothing you desire compares with her.
16 Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
Long life is in her right hand; in her left hand are riches and honor.
17 Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; daandiin ishee hundis nagaa dha.
All her ways are pleasant, and all her paths are peaceful.
18 Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
She is a tree of life to those who embrace her, and those who lay hold of her are blessed.
19 Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
The LORD founded the earth by wisdom and established the heavens by understanding.
20 beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; duumessoonnis fixeensa coccobsan.
By His knowledge the watery depths were broken open, and the clouds dripped with dew.
21 Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
My son, do not lose sight of this: Preserve sound judgment and discernment.
22 isaan jireenya siif taʼu; morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
They will be life to your soul and adornment to your neck.
23 Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; miilli kees hin gufatu;
Then you will go on your way in safety, and your foot will not stumble.
24 ati yoo raftu hin sodaattu; hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
When you lie down, you will not be afraid; when you rest, your sleep will be sweet.
25 Balaa akkuma tasaa sitti dhufu yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
Do not fear sudden danger or the ruin that overtakes the wicked,
26 Waaqayyo irkoo siif taʼaatii; akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
for the LORD will be your confidence and will keep your foot from the snare.
27 Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
Do not withhold good from the deserving when it is within your power to act.
28 Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
Do not tell your neighbor, “Come back tomorrow and I will provide”— when you already have the means.
29 Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee waan hamaa itti hin yaadin.
Do not devise evil against your neighbor, for he trustfully dwells beside you.
30 Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin akkasumaan hin miidhin.
Do not accuse a man without cause, when he has done you no harm.
31 Nama dabaatti hin hinaafin; yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
Do not envy a violent man or choose any of his ways;
32 Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
for the LORD detests the perverse, but He is a friend to the upright.
33 Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa; inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
The curse of the LORD is on the house of the wicked, but He blesses the home of the righteous.
34 Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
He mocks the mockers, but gives grace to the humble.
35 Ogeeyyiin ulfina dhaalu; gowwoota garuu inni ni qaanessa.
The wise will inherit honor, but fools are held up to shame.

< Fakkeenya 3 >