< Fakkeenya 28 >

1 Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
The wicked flee when no one pursues; but the righteous are as bold as a lion.
2 Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira; bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
In rebellion, a land has many rulers, but order is maintained by a man of understanding and knowledge.
3 Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
A needy man who oppresses the poor is like a driving rain which leaves no crops.
4 Warri seera didan hamoota jaju; warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
Those who forsake the law praise the wicked; but those who keep the law contend with them.
5 Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan; warri Waaqayyoon barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.
Evil men do not understand justice; but those who seek the LORD understand it fully.
6 Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
Better is the poor who walks in his integrity than he who is perverse in his ways, and he is rich.
7 Namni seera eegu ilma ogeessa; michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
Whoever keeps the law is a wise son; but he who is a companion of gluttons shames his father.
8 Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
He who increases his wealth by excessive interest gathers it for one who has pity on the poor.
9 Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
He who turns away his ear from hearing the law, even his prayer is an abomination.
10 Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu kiyyoo ofii isaa keessa seena; namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
Whoever causes the upright to go astray in an evil way, he will fall into his own trap; but the blameless will inherit good.
11 Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
The rich man is wise in his own eyes; but the poor who has understanding sees through him.
12 Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu.
When the righteous triumph, there is great glory; but when the wicked rise, men hide themselves.
13 Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
He who conceals his sins does not prosper, but whoever confesses and renounces them finds mercy.
14 Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha; kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
Blessed is the man who always fears; but one who hardens his heart falls into trouble.
15 Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
As a roaring lion or a charging bear, so is a wicked ruler over helpless people.
16 Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
A tyrannical ruler lacks judgment. One who hates ill-gotten gain will have long days.
17 Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
A man who is tormented by blood guilt will be a fugitive until death. No one will support him.
18 Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
Whoever walks blamelessly is kept safe; but one with perverse ways will fall suddenly.
19 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama.
One who works his land will have an abundance of food; but one who chases fantasies will have his fill of poverty.
20 Namni amanamaan eebba quufa; kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
A faithful man is rich with blessings; but one who is eager to be rich will not go unpunished.
21 Nama wal caalchisuun gaarii miti; namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
To show partiality is not good, yet a man will do wrong for a piece of bread.
22 Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara; inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
A stingy man hurries after riches, and does not know that poverty waits for him.
23 Namni nama ifatu dhuma irratti nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
One who rebukes a man will afterward find more favor than one who flatters with the tongue.
24 Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti.
Whoever robs his father or his mother and says, “It’s not wrong,” is a partner with a destroyer.
25 Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
One who is greedy stirs up strife; but one who trusts in the LORD will prosper.
26 Namni of amanatu gowwaa dha; kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
One who trusts in himself is a fool; but one who walks in wisdom is kept safe.
27 Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
One who gives to the poor has no lack; but one who closes his eyes will have many curses.
28 Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti namoonni ni dhokatu; yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.
When the wicked rise, men hide themselves; but when they perish, the righteous thrive.

< Fakkeenya 28 >