< Fakkeenya 27 >
1 Ati waaʼee boriitiin hin boonin; waan guyyaan fidu hin beektuutii.
Usijisifu kwa ajili ya kesho, maana hujui siku italeta nini.
2 Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin; namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
Mtu mwingine akusifu na wala si kinywa chako mwenyewe, mgeni na wala si midomo yako mwenyewe.
3 Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha; tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
Fikiria uzito wa jiwe na uzito wa mchanga- uchokozi wa mpumbavu ni mzito zaidi kuliko hivyo vyote.
4 Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa; hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
Kuna ukatili wenye ghadhabu kali na mafuriko ya hasira, lakini ni nani anayeweza kusimama mbele ya wivu?
5 Jaalala dhokfamee mannaa ifannaa ifatti baʼe wayya.
Ni bora karipio la wazi kuliko upendo uliofichwa.
6 Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
Mwaminifu ni jeraha zilizosababishwa na rafiki, lakini adui anaweza kukubusu kwa kuomba radhi mno.
7 Namni quufe damma illee ni balfa; kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
Mtu aliyekula na kushiba hulikataa hata sega la asali, bali kwa mtu mwenye njaa, kila kitu kichungu ni kitamu.
8 Namni mana isaatii badu tokko, akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
Ndege anayezurura kutoka kwenye kiota chake ni kama mtu anayepotea sehemu ambayo anaishi.
9 Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa.
Pafumu na manukato huufanya moyo ufurahi, lakini utamu wa rafiki ni bora kuliko ushauri wake.
10 Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
Usimwache rafiki yako na rafiki wa baba yako, na usiende kwenye nyumba ya ndugu yako katika siku ya msiba wako. Ni bora rafiki ambaye yupo karibu kuliko ndugu ambaye yupo mbali.
11 Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi; ergasii ani nama na tuffatu hundaaf deebii kennuu nan dandaʼa.
Mwanangu, uwe na busara, moyo wangu ufurahi; kisha nitamjibu yule anayenidhihaki.
12 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
Mtu mwenye busara huiona taabu na kujificha mwenyewe, lakini mjinga huendelea mbele na kuteseka kwa ajili ya taabu.
13 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
vazi kama mwenyewe anaweka pesa kama dhamana kwa deni la mgeni; lichukue kama anaweka dhamana kwa malaya.
14 Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee ollaa isaa yoo eebbise wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
Anayempa jirani yake baraka kwa sauti ya juu mapema asubuhi, baraka hiyo itafikiriwa kuwa laana!
15 Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa dhimmisaa ooluu ti;
Mke mgomvi ni kama siku ya manyunyu ya mvua ya daima;
16 ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
kumzuia ni kama kuuzuia upepo, au kujaribu kushika mafuta kwa mkono wako wa kulia.
17 Akkuma sibiilli sibiila qaru, namni tokko nama kaan qara.
Chuma hunoa chuma; kwa njia ile ile; mtu humnoa rafiki yake.
18 Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
Yule anayeutunza mtini atakula matunda yake, na yule mwenye kumlinda bwana wake ataheshimiwa.
19 Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
Kama maji yanavyoakisi taswira ya sura ya mtu, ndivyo hivyo moyo wa mtu humwaksi mtu.
20 Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan; iji namaas akkasuma. (Sheol )
Kama kuzimu na Uharibifu havitosheki, ndivyo yalivyo macho ya mtu hayawezi kutosheka. (Sheol )
21 Okkoteen waa itti baqsan meetiif; boolli ibiddaa immoo warqeef; namni immoo ulfina argatuun qorama.
Kalibu ni kwa fedha na tanuru ni kwa dhahabu; na mtu hujaribiwa anaposifiwa.
22 Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu, akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu, ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
Hata kama utamponda mpumbavu kwa mchI- pamoja na nafaka- bado upumbavu wake hautatoka.
23 Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki; loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
Hakikisha unajua hali ya makundi yako na ujishughulishe juu ya makundi yako,
24 soorumni bara baraan itti hin fufuutii; gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
maana utajiri haudumu daima. Je taji hudumu kwa vizazi vyote?
25 Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee margi tulluu irraa walitti qabamutti,
Majani huondoka na ukuaji mpya huonekana na milima ya chakula cha mifugo hukusanywa ndani.
26 xobbaallaawwaniin daara baata; reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
Wanakondoo watakupatia mavazi yako na mbuzi watakupatia gharama ya shamba.
27 Ati ofii keetii fi maatii kee, xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.
Kutakuwa na maziwa ya mbuzi kwa chakula chako- chakula kwa kaya yako- na chakula kwa watumishi wako wasichana.