< Fakkeenya 27 >
1 Ati waaʼee boriitiin hin boonin; waan guyyaan fidu hin beektuutii.
Boast not thyself of to-morrow; For thou knowest not what a day may bring forth!
2 Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin; namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
Let another man praise thee, and not thine own mouth; A stranger, and not thine own lips.
3 Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha; tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
A stone is heavy and sand is weighty; But a fool's wrath is heavier than both.
4 Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa; hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
Wrath is cruel, and anger overwhelming; But who is able to stand before jealousy?
5 Jaalala dhokfamee mannaa ifannaa ifatti baʼe wayya.
Better is open rebuke Than love kept concealed.
6 Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
Faithful are the wounds of a friend; But the kisses of an enemy are deceitful.
7 Namni quufe damma illee ni balfa; kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
He who is fed to the full loatheth the honeycomb; But to the hungry any bitter thing is sweet.
8 Namni mana isaatii badu tokko, akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
As a bird that wandereth from its nest, So is a man who wandereth from his place.
9 Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa.
Oil and perfume gladden the heart; Sweet also is one's friend by hearty counsel.
10 Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
Thine own friend and thy father's friend forsake not; And go not into thy brother's house in the day of thy calamity. Better is a neighbor that is near, than a brother far off.
11 Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi; ergasii ani nama na tuffatu hundaaf deebii kennuu nan dandaʼa.
Be wise, my son, and make my heart glad, That I may give an answer to him that reproacheth me.
12 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
A prudent man foreseeth the evil, and hideth himself; The simple pass on, and are punished.
13 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
Take his garment who is surety for another; Yea, take a pledge of him who is bound for a stranger.
14 Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee ollaa isaa yoo eebbise wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
He who blesseth his neighbor with a loud voice, rising early for it, It shall be accounted to him as a curse.
15 Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa dhimmisaa ooluu ti;
A continual dropping in a very rainy day And a quarrelsome wife are alike.
16 ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
He who restraineth her restraineth the wind; And his right hand layeth hold of oil.
17 Akkuma sibiilli sibiila qaru, namni tokko nama kaan qara.
Iron sharpeneth iron; So one man sharpeneth the face of another.
18 Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
He that watcheth the fig-tree shall eat its fruit; So he that is careful for his master shall come to honor.
19 Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
As in water face answereth to face, So doth the heart of man to man.
20 Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan; iji namaas akkasuma. (Sheol )
The realms of the dead are never full; So the eyes of man are never satisfied. (Sheol )
21 Okkoteen waa itti baqsan meetiif; boolli ibiddaa immoo warqeef; namni immoo ulfina argatuun qorama.
The refining-pot is for silver, and the furnace for gold; So let a man be to the mouth that giveth him praise.
22 Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu, akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu, ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
Though thou shouldst beat a fool in a mortar, Among bruised wheat, with a pestle, Yet will not his folly depart from him.
23 Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki; loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
Be thou diligent to know the state of thy flocks, And look well to thy herds!
24 soorumni bara baraan itti hin fufuutii; gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
For riches last not for ever; Not even a crown endureth from generation to generation.
25 Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee margi tulluu irraa walitti qabamutti,
The hay disappeareth, and the tender grass showeth itself, And the herbage of the mountains is gathered in.
26 xobbaallaawwaniin daara baata; reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
The lambs are thy clothing, And the goats the price of thy field.
27 Ati ofii keetii fi maatii kee, xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.
There is goat's milk enough for thy food, For the food of thy household, And for the sustenance of thy maidens.