< Fakkeenya 26 >

1 Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa, nama gowwaaf ulfinni hin malu.
Like snow in summer and rain at harvest, honor does not befit a fool.
2 Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu.
Like a fluttering sparrow or darting swallow, an undeserved curse does not come to rest.
3 Alangaan fardaaf, luugamni harreef, uleen immoo dugda gowwaatiif mala!
A whip for the horse, a bridle for the donkey, and a rod for the backs of fools!
4 Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin; yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata.
Do not answer a fool according to his folly, or you yourself will be like him.
5 Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni; yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa.
Answer a fool according to his folly, lest he become wise in his own eyes.
6 Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun, akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti.
Like cutting off one’s own feet or drinking violence is the sending of a message by the hand of a fool.
7 Afaan nama gowwaa keessatti, fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti.
Like lame legs hanging limp is a proverb in the mouth of a fool.
8 Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
Like binding a stone into a sling is the giving of honor to a fool.
9 Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti.
Like a thorn that falls into the hand of a drunkard is a proverb in the mouth of a fool.
10 Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti.
Like an archer who wounds at random is he who hires a fool or passerby.
11 Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana, gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.
As a dog returns to its vomit, so a fool repeats his folly.
12 Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
Do you see a man who is wise in his own eyes? There is more hope for a fool than for him.
13 Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira; leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha.
The slacker says, “A lion is in the road! A fierce lion roams the public square!”
14 Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
As a door turns on its hinges, so the slacker turns on his bed.
15 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa.
The slacker buries his hand in the dish; it wearies him to bring it back to his mouth.
16 Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa.
The slacker is wiser in his own eyes than seven men who answer discreetly.
17 Namni lola nama biraa keessa seenu, akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti.
Like one who grabs a dog by the ears is a passerby who meddles in a quarrel not his own.
18 Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya namatti gad dhiisu tokkoo
Like a madman shooting firebrands and deadly arrows,
19 namni, “Ani nan qoose!” jedhee ollaa isaa gowwoomsus akkasuma.
so is the man who deceives his neighbor and says, “I was only joking!”
20 Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama; hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.
Without wood, a fire goes out; without gossip, a conflict ceases.
21 Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee qoraan ibidda qabsiisu sana namni lola jaallatu lola kakaasa.
Like charcoal for embers and wood for fire, so is a quarrelsome man for kindling strife.
22 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
The words of a gossip are like choice morsels that go down into the inmost being.
23 Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.
Like glaze covering an earthen vessel are burning lips and a wicked heart.
24 Namni maqaa namaa balleessu tokko arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa; garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata.
A hateful man disguises himself with his speech, but he lays up deceit in his heart.
25 Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin; wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii.
When he speaks graciously, do not believe him, for seven abominations fill his heart.
26 Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa; hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa.
Though his hatred is concealed by deception, his wickedness will be exposed in the assembly.
27 Namni boolla qotu boolla keessa buʼa; nama dhagaa gangalchus, dhagaan sun isumatti deebiʼa.
He who digs a pit will fall into it, and he who rolls a stone will have it roll back on him.
28 Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba; afaan saadu tokkos badiisa fida.
A lying tongue hates those it crushes, and a flattering mouth causes ruin.

< Fakkeenya 26 >