< Fakkeenya 25 >

1 Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha:
גם-אלה משלי שלמה-- אשר העתיקו אנשי חזקיה מלך-יהודה
2 Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
כבד אלהים הסתר דבר וכבד מלכים חקר דבר
3 Akkuma samiiwwan ol dheeratanii laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.
שמים לרום וארץ לעמק ולב מלכים אין חקר
4 Meetii irraa xurii baasi; ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
הגו סיגים מכסף ויצא לצרף כלי
5 Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.
הגו רשע לפני-מלך ויכון בצדק כסאו
6 Fuula mootii duratti ol of hin qabin; iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
אל-תתהדר לפני-מלך ובמקום גדלים אל-תעמד
7 inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. Ati waan ija keetiin argite,
כי טוב אמר-לך עלה-הנה מהשפילך לפני נדיב--אשר ראו עיניך
8 daftee mana murtiitti hin fidin; yoo ollaan kee si qaanesse, dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?
אל-תצא לרב מהר פן מה-תעשה באחריתה--בהכלים אתך רעך
9 Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu; iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
ריבך ריב את-רעך וסוד אחר אל-תגל
10 yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa; maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.
פן-יחסדך שמע ודבתך לא תשוב
11 Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
תפוחי זהב במשכיות כסף-- דבר דבר על-אפניו
12 Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf, lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.
נזם זהב וחלי-כתם-- מוכיח חכם על-אזן שמעת
13 Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
כצנת שלג ביום קציר--ציר נאמן לשלחיו ונפש אדניו ישיב
14 Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.
נשיאים ורוח וגשם אין-- איש מתהלל במתת-שקר
15 Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
בארך אפים יפתה קצין ולשון רכה תשבר-גרם
16 Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu; yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
דבש מצאת אכל דיך פן-תשבענו והקאתו
17 Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin; yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.
הקר רגלך מבית רעך פן-ישבעך ושנאך
18 Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
מפיץ וחרב וחץ שנון-- איש ענה ברעהו עד שקר
19 Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
שן רעה ורגל מועדת-- מבטח בוגד ביום צרה
20 Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu, yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.
מעדה-בגד ביום קרה--חמץ על-נתר ושר בשרים על לב-רע
21 Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
אם-רעב שנאך האכלהו לחם ואם-צמא השקהו מים
22 Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; Waaqayyos si badhaasa.
כי גחלים--אתה חתה על-ראשו ויהוה ישלם-לך
23 Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu, arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.
רוח צפון תחולל גשם ופנים נזעמים לשון סתר
24 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
טוב שבת על-פנת-גג-- מאשת מדונים (מדינים) ובית חבר
25 Oduun gaariin biyya fagootii dhufu, akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
מים קרים על-נפש עיפה ושמועה טובה מארץ מרחק
26 Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu, akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.
מעין נרפש ומקור משחת-- צדיק מט לפני-רשע
27 Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti; ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.
אכל דבש הרבות לא-טוב וחקר כבדם כבוד
28 Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.
עיר פרוצה אין חומה-- איש אשר אין מעצר לרוחו

< Fakkeenya 25 >