< Fakkeenya 25 >
1 Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha:
Waɗannan ƙarin karin maganar Solomon ne waɗanda mutanen Hezekiya sarkin Yahuda suka tara.
2 Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
Ɗaukakar Allah ce a ɓoye batun; a bayyana batun kuwa ɗaukakar sarakuna ne.
3 Akkuma samiiwwan ol dheeratanii laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.
Kamar yadda sammai suna can bisa duniya kuma tana da zurfi, haka zukatan sarakuna suka wuce a bincika.
4 Meetii irraa xurii baasi; ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
Ka tace azurfa sai kayan su fito don maƙerin azurfa;
5 Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.
ka cire mugaye daga gaban sarki, kursiyinsa kuwa zai kahu ta wurin adalci.
6 Fuula mootii duratti ol of hin qabin; iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
Kada ka ɗaukaka kanka a gaban sarki, kada kuma ka nemi wa kanka wuri a cikin manyan mutane;
7 inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. Ati waan ija keetiin argite,
gara ya ce maka, “Ka hauro nan,” da a ƙasƙantar da kai a gaban wani mai makami. Abin da ka gani da idanunka
8 daftee mana murtiitti hin fidin; yoo ollaan kee si qaanesse, dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?
kada ka yi garaje kai ƙara a majalisa, gama me za ka yi a ƙarshe in maƙwabcinka ya ba ka kunya?
9 Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu; iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
In kai da maƙwabcinka kuka yi gardama, kada ka tona asirin wani,
10 yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa; maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.
in ba haka ba duk wanda ya ji zai kunyata ka ba za ka kuma taɓa rabuwa da wannan mummuna suna ba.
11 Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
Kalmar da aka faɗa daidai tana kamar zubin zinariyar da aka yi a mazubin azurfa.
12 Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf, lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.
Kamar’yan kunnen zinariya ko kuwa kayan ado na zinariya zalla haka yake da tsawatawar mai hikima ga kunne mai saurarawa.
13 Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
Kamar sanyin ƙanƙara a lokacin girbi haka ɗan saƙo mai aminci wanda aka aika; ya wartsakar da ran waɗanda suka aike shi.
14 Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.
Kamar gizagizai da kuma iska marar ruwan sama haka mutumin da yake fariya a kan kyautan da ba ya bayarwa.
15 Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
Ta wurin haƙuri akan rinjaye mai mulki, magana mai hankali kan karye ƙashi.
16 Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu; yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
In ka sami zuma, ka sha isashe kawai, in ya yi yawa, za ka yi amai.
17 Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin; yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.
Kada ka cika ziyarar gidan maƙwabcinka yawan ganinka zai sa ya ƙi ka.
18 Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
Kamar sanda ko takobi ko kibiya mai tsini haka yake da mutumin da yake ba da shaidar ƙarya a kan maƙwabcinsa.
19 Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
Kamar haƙori mai ciwo ko yin tafiya da gurguwar ƙafa haka yake ga mai dogara da marasa aminci a lokacin wahala.
20 Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu, yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.
Kamar wanda ya tuɓe riga a ranar da ake sanyi, ko kuwa kamar zuba ruwan tsami a kanwa, haka yake da mai rera waƙoƙi ga mai baƙin ciki.
21 Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
In abokin gābanka yana jin yunwa, ka ba shi abinci ya ci; in yana jin ƙishi, ka ba shi ruwa ya sha.
22 Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; Waaqayyos si badhaasa.
Ta yin haka, za ka tara garwashin wuta mai ci a kansa, Ubangiji kuma zai sāka maka.
23 Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu, arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.
Kamar yadda iskar arewa kan kawo ruwan sama, haka jita-jita kan kawo fushi.
24 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
Gara a zauna a kusurwar rufin ɗaki da a zauna a gida ɗaya da mace mai fitina.
25 Oduun gaariin biyya fagootii dhufu, akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
Kamar ruwan sanyi ga ran da ya gaji haka yake da jin labari mai daɗi daga ƙasa mai nisa.
26 Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu, akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.
Kamar rafi mai laka ko rijiyar da ta gurɓace haka yake da mai adalci wanda ya miƙa wuya ga mugaye.
27 Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti; ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.
Ba shi da kyau ka sha zuma da yawa, haka ma ba shi da kyau ka nemi girma wa kanka.
28 Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.
Kamar birni da katangarsa sun rushe haka yake da mutumin da ba ya iya danne fushinsa.