< Fakkeenya 24 >

1 Hamootatti hin hinaafin; garee isaanii taʼuus hin hawwin;
Do not envy wicked men or desire their company;
2 garaan isaanii hammina malataatii; hidhiin isaaniis rakkina odeessa.
for their hearts devise violence, and their lips declare trouble.
3 Manni ogummaadhaan ijaarama; hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
By wisdom a house is built and by understanding it is established;
4 kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi miidhagaadhaan guutamu.
through knowledge its rooms are filled with every precious and beautiful treasure.
5 Ogeessi humna guddaa qaba; beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
A wise man is strong, and a man of knowledge enhances his strength.
6 waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
Only with sound guidance should you wage war, and victory lies in a multitude of counselors.
7 Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha; inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.
Wisdom is too high for a fool; he does not open his mouth in the meeting place.
8 Namni hammina malu, “Maltee” jedhama.
He who plots evil will be called a schemer.
9 Malli gowwummaa cubbuu dha; namoonnis qoostuu ni balfu.
A foolish scheme is sin, and a mocker is detestable to men.
10 Ati yoo gaafa rakkinaa laafte, jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
If you faint in the day of distress, how small is your strength!
11 Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.
Rescue those being led away to death, and restrain those stumbling toward the slaughter.
12 Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
If you say, “Behold, we did not know about this,” does not He who weighs hearts consider it? Does not the One who guards your life know? Will He not repay a man according to his deeds?
13 Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
Eat honey, my son, for it is good, and the honeycomb is sweet to your taste.
14 Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
Know therefore that wisdom is sweet to your soul. If you find it, there is a future for you, and your hope will never be cut off.
15 Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa riphxee hin eeggatin; mana jireenya isaas hin saamin.
Do not lie in wait, O wicked man, near the dwelling of the righteous; do not destroy his resting place.
16 Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii; namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
For though a righteous man may fall seven times, he still gets up; but the wicked stumble in bad times.
17 Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin; yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;
Do not gloat when your enemy falls, and do not let your heart rejoice when he stumbles,
18 yoo kanaa achii Waaqayyo waan kanatti ni gaddaatii; dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.
or the LORD will see and disapprove, and turn His wrath away from him.
19 Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin; hamootattis hin hinaafin.
Do not fret over evildoers, and do not be envious of the wicked.
20 Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii; ibsaan hamootaas ni dhaama.
For the evil man has no future; the lamp of the wicked will be extinguished.
21 Yaa ilma ko, Waaqayyoo fi mootii sodaadhu; finciltootattis hin makamin;
My son, fear the LORD and the king, and do not associate with the rebellious.
22 badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
For they will bring sudden destruction. Who knows what ruin they can bring?
23 Kunneenis jechoota ogeessaa ti: Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:
These also are sayings of the wise: To show partiality in judgment is not good.
24 Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu” jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.
Whoever tells the guilty, “You are innocent”— peoples will curse him, and nations will denounce him;
25 Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu; eebbi guddaanis ni dhufaaf.
but it will go well with those who convict the guilty, and rich blessing will come upon them.
26 Deebiin qajeelaan, akkuma hidhii dhungachuu ti.
An honest answer given is like a kiss on the lips.
27 Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; ergasii mana kee ijaarradhu.
Complete your outdoor work and prepare your field; after that, you may build your house.
28 Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.
Do not testify against your neighbor without cause, and do not deceive with your lips.
29 Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha; waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.
Do not say, “I will do to him as he has done to me; I will repay the man according to his work.”
30 Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;
I went past the field of a slacker and by the vineyard of a man lacking judgment.
31 qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera.
Thorns had grown up everywhere, thistles had covered the ground, and the stone wall was broken down.
32 Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:
I observed and took it to heart; I looked and received instruction:
33 hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; xinnoo harka walitti marachuu;
A little sleep, a little slumber, a little folding of the hands to rest,
34 hiyyummaanis akkuma hattuutti, deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
and poverty will come upon you like a robber, and need like a bandit.

< Fakkeenya 24 >