< Fakkeenya 23 >

1 Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti, waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali;
When thou sittest to eat with a ruler, Consider well what is before thee;
2 ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte, qoonqoo kee irra billaa kaaʼi.
For thou wilt put a knife to thy throat, If thou art a man given to appetite!
3 Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf, miʼaa isaatti hin gaggabin.
Long not for his dainties. For they are deceitful meat.
4 Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu.
Toil not to become rich; Cease from this, thy wisdom.
5 Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; inni dhugumaan Baallee baafatee akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.
Wilt thou let thine eyes fly toward them? They are gone! For riches truly make to themselves wings; They fly away like the eagle toward heaven.
6 Buddeena doqnaa hin nyaatin; cidha isaas hin kajeelin;
Eat not the bread of him that hath an evil eye, And long not for his dainties;
7 inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii. Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha; garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.
For as he thinketh in his heart, so is he. “Eat and drink!” saith he to thee; But his heart is not with thee.
8 Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda; dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda.
The morsel, which thou hast eaten, thou shalt vomit up; And thou wilt have thrown away thy sweet words.
9 Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf ati nama gowwaatti hin dubbatin.
Speak not in the ears of a fool; For he will despise the wisdom of thy words.
10 Dhagaa daangaa durii hin dhiibin yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin.
Remove not the ancient landmark, And enter not into the fields of the fatherless!
11 Furiin isaanii jabaadhaatii; inni gara isaanii goree sitti falma.
For their avenger is mighty; He will maintain their cause against thee.
12 Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo gara dubbii beekumsaatti deebifadhu.
Apply thy heart to instruction, And thine ears to the words of knowledge.
13 Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin; yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.
Withhold not correction from a child; If thou beat him with the rod, he will not die.
14 Arcummeedhaan isaan adabiitii lubbuu isaanii duʼa oolchi. (Sheol h7585)
Beat him thyself with the rod, And thou shalt rescue him from the underworld. (Sheol h7585)
15 Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe, garaan koo ni gammada;
My son, if thy heart be wise, My heart shall rejoice, even mine;
16 yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate, keessi koo baayʼee gammada.
Yea, my reins shall exult, When thy lips speak right things.
17 Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin; garuu yeroo hunda Waaqayyoon sodaadhu.
Let not thy heart envy sinners, But continue thou in the fear of the LORD all the day long;
18 Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
For surely there shall be a reward, And thine expectation shall not be cut off.
19 Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi; qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.
Hear thou, my son, and be wise; And let thy heart go forward in the way!
20 Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;
Be not thou among winebibbers, And riotous eaters of flesh;
21 machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.
For the drunkard and the glutton shall come to poverty, And drowsiness will clothe a man with rags.
22 Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
Hearken to thy father, who begat thee, And despise not thy mother when she is old.
23 Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.
Buy the truth, and sell it not; Buy wisdom and instruction and understanding.
24 Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba; namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.
The father of a righteous man shall greatly rejoice; Yea, he who begetteth a wise child shall have joy in him.
25 Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan; isheen si deesse sun haa ililchitu!
Let thy father and thy mother have joy; Yea, let her that bore thee rejoice!
26 Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; iji kees karaa koo haa ilaalu;
My son, give me thy heart, And let thine eyes observe my ways!
27 sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii, niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha.
For a harlot is a deep ditch; Yea, a strange woman is a narrow pit.
28 Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti; namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti.
Like a robber she lieth in wait, And increaseth the treacherous among men.
29 Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba? Eenyutu lola qaba? Eenyutu komii qaba? Eenyutu sababii malee madaaʼa? Kan iji isaa diimatu eenyu?
Who hath woe? Who hath sorrow? Who contentions? Who anxiety? Who wounds without cause? Who dimness of eyes?
30 Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan, warra daadhii wayinii walmakaa afaaniin qabuu dhaqanii dha.
They that tarry long at the wine; They that go in to seek mixed wine.
31 Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti, yeroo inni suuta jedhee gad buʼutti daadhii wayinii ija itti qabdee hin ilaalin.
Look not thou upon the wine when it is red, When it sparkleth in the cup, When it goeth down smoothly.
32 Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda; akkuma buutiis nama ciniina.
At the last it biteth like a serpent, And stingeth like an adder.
33 Iji kee waan haaraa arga; qalbiin kees jalʼina yaada.
Thine eyes will look upon strange women, And thy heart will utter perverse things.
34 Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti; akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisuu taata.
Yea, thou shalt be as one that lieth down in the midst of the sea, And as one that lieth down upon the top of a mast.
35 Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan; ani garuu hin miidhamne! Isaan na tuman; garuu natti hin dhagaʼamne! Ani dhugaatii biraa barbaaddachuuf yooman dammaqa?”
They have stricken me [[shalt thou say]], —I suffered no pain! They have beaten me, —I felt it not! When shall I awake? I will seek it yet again.

< Fakkeenya 23 >