< Fakkeenya 22 >

1 Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.
[Melius est nomen bonum quam divitiæ multæ; super argentum et aurum gratia bona.
2 Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.
Dives et pauper obviaverunt sibi: utriusque operator est Dominus.
3 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
Callidus vidit malum, et abscondit se; innocens pertransiit, et afflictus est damno.
4 Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
Finis modestiæ timor Domini, divitiæ, et gloria, et vita.
5 Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.
Arma et gladii in via perversi; custos autem animæ suæ longe recedit ab eis.
6 Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
Proverbium est: adolescens juxta viam suam; etiam cum senuerit, non recedet ab ea.
7 Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
Dives pauperibus imperat, et qui accipit mutuum servus est fœnerantis.
8 Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.
Qui seminat iniquitatem metet mala, et virga iræ suæ consummabitur.
9 Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
Qui pronus est ad misericordiam benedicetur: de panibus enim suis dedit pauperi. Victoriam et honorem acquiret qui dat munera; animam autem aufert accipientium.
10 Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.
Ejice derisorem, et exibit cum eo jurgium, cessabuntque causæ et contumeliæ.
11 Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.
Qui diligit cordis munditiam, propter gratiam labiorum suorum habebit amicum regem.
12 Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.
Oculi Domini custodiunt scientiam, et supplantantur verba iniqui.
13 Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.
Dicit piger: Leo est foris; in medio platearum occidendus sum.
14 Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.
Fovea profunda os alienæ: cui iratus est Dominus, incidet in eam.
15 Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
Stultitia colligata est in corde pueri, et virga disciplinæ fugabit eam.
16 Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.
Qui calumniatur pauperem ut augeat divitias suas, dabit ipse ditiori, et egebit.]
17 Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
[Inclina aurem tuam, et audi verba sapientium: appone autem cor ad doctrinam meam,
18 yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte wanni kun nama gammachiisaatii.
quæ pulchra erit tibi cum servaveris eam in ventre tuo, et redundabit in labiis tuis:
19 Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
ut sit in Domino fiducia tua, unde et ostendi eam tibi hodie.
20 Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi beekumsaa siif hin barreessinee?
Ecce descripsi eam tibi tripliciter, in cogitationibus et scientia:
21 Kanas ani akka ati warra si erganiif deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?
ut ostenderem tibi firmitatem et eloquia veritatis, respondere ex his illis qui miserunt te.
22 Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
Non facias violentiam pauperi quia pauper est, neque conteras egenum in porta:
23 Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
quia judicabit Dominus causam ejus, et configet eos qui confixerunt animam ejus.
24 Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;
Noli esse amicus homini iracundo, neque ambules cum viro furioso:
25 yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
ne forte discas semitas ejus, et sumas scandalum animæ tuæ.
26 Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
Noli esse cum his qui defigunt manus suas, et qui vades se offerunt pro debitis:
27 yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.
si enim non habes unde restituas, quid causæ est ut tollat operimentum de cubili tuo?
28 Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.
Ne transgrediaris terminos antiquos, quos posuerunt patres tui.
29 Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.
Vidisti virum velocem in opere suo? coram regibus stabit, nec erit ante ignobiles.]

< Fakkeenya 22 >