< Fakkeenya 22 >
1 Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.
An fi son suna mai kyau fiye da wadata mai yawa; tagomashi kuma ya fi azurfa ko zinariya.
2 Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.
Mawadaci da matalauci suna da abu guda. Ubangiji ne Mahaliccinsu duka.
3 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
Mai basira kan ga damuwa tana zuwa yă nemi mafaka, amma marar azanci kan yi ta tafiya yă kuma sha wahala.
4 Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
Sauƙinkai da tsoron Ubangiji sukan kawo wadata da girmamawa da kuma rai.
5 Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.
A hanyoyin mugu akwai kaya da tarko, amma duk wanda ya kiyaye ransa kan kauce musu.
6 Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
Ka hori yaro a hanyar da ya kamata yă bi, kuma sa’ad da ya tsufa ba zai bar ta ba.
7 Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
Mawadaci yakan yi mulki a kan matalauci, mai cin bashi kuwa bawan mai ba da bashi ne.
8 Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.
Duk wanda ya shuka mugunta yakan girbe wahala, za a kuma hallaka sandar fushinsa.
9 Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
Mai bayarwa hannu sake shi kansa zai sami albarka, gama yakan raba abincinsa da matalauta.
10 Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.
Ka hori mai ba’a, hatsaniya kuwa za tă yi waje; fitina da zargi kuma za su ƙare.
11 Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.
Duk mai son tsabtar zuciya wanda kuma jawabinsa mai alheri ne zai zama aminin sarki.
12 Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.
Idanun Ubangiji na lura da sani, amma yakan ƙi kalmomin marar aminci.
13 Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.
Rago kan ce, “Akwai zaki a waje!” Ko kuma “Za a kashe ni a tituna!”
14 Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.
Bakin mazinaciya rami ne mai zurfi; duk wanda yake a ƙarƙashin fushin Ubangiji zai fāɗa a ciki.
15 Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
Wauta tana da yawa a zuciyar yara, amma sandar horo zai kore ta nesa da su.
16 Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.
Duk wanda yake danne matalauta don yă azurta kuma duk wanda yake kyauta ga mawadata, dukansu kan talauta.
17 Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
Ka kasa kunne ka kuma saurara ga maganganu masu hikima; ka yi amfani da abin da nake koyarwa,
18 yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte wanni kun nama gammachiisaatii.
gama yana da daɗi sa’ad da ka kiyaye su a zuciyarka ka kuma kasance da su a shirye a leɓunanka.
19 Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
Domin dogarawarka ta kasance ga Ubangiji, ina koya maka yau, har kai ma.
20 Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi beekumsaa siif hin barreessinee?
Ban rubuta maka maganganu talatin ba, maganganun shawara da sani,
21 Kanas ani akka ati warra si erganiif deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?
ina koya maka gaskiya da kalmomin da za ka dogara a kai, saboda ka iya ba da amsa daidai ga duk wanda ya aike ka?
22 Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
Kada ka zalunci matalauta a kan suna matalauta kada kuma ka ƙwari wanda ba shi da mai taimako a gaban shari’a,
23 Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
gama Ubangiji zai yi magana dominsu zai kuwa washe waɗanda suka washe su.
24 Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;
Kada ka yi abokantaka da mai zafin rai, kada ka haɗa kai da wanda ba shi da wuya ya yi fushi,
25 yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
in ba haka ba za ka koyi hanyoyinsa ka kuma sa kanka a tarko.
26 Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
Kada ka zama mai ɗaukar lamuni ko ka ba da jingina saboda bashi;
27 yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.
gama in ka kāsa biya za a ƙwace gadon da kake kwanciya a kai ma.
28 Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.
Kada ka matsar da shaidar kan iyakar da kakanninka suka kafa.
29 Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.
Kana ganin mutumin da yake da gwaninta a cikin aikinsa? Zai yi wa sarakuna hidima; ba zai yi hidima wa mutanen da ba su iya ba.