< Fakkeenya 21 >

1 Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha.
Moyo wa mfalme uko katika mkono wa Bwana; huuongoza kama mkondo wa maji, popote apendapo.
2 Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; Waaqayyo garuu yaada namaa madaala.
Njia zote za mwanadamu huonekana sawa kwake, bali Bwana huupima moyo.
3 Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
Kufanya yaliyo sawa na haki inakubalika zaidi kwa Bwana kuliko dhabihu.
4 Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.
Macho ya kudharau na moyo wa kiburi, ambavyo ni taa ya waovu, vyote ni dhambi!
5 Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
Mipango ya mwenye bidii huelekeza kwenye faida, kama vile kwa hakika pupa huelekeza kwenye umaskini.
6 Qabeenyi arraba sobuun argamu, urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
Mali iliyopatikana kwa ulimi wa uongo ni mvuke upitao upesi na mtego wa kufisha.
7 Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif, fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
Jeuri ya waovu itawaburuta mbali, kwa kuwa wanakataa kufanya yaliyo sawa.
8 Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha; amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
Njia ya mwenye hatia ni ya upotovu, bali tabia ya mtu asiye na hatia ni nyofu.
9 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
Ni afadhali kuishi pembeni mwa paa la nyumba, kuliko kuishi nyumba moja na mke mgomvi.
10 Namni hamaan jalʼina dharraʼa; ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
Mtu mwovu hutamani sana ubaya, jirani yake hapati huruma kutoka kwake.
11 Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, wallaalaan ogummaa argata; namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
Wakati mwenye mzaha ameadhibiwa, mjinga hupata hekima; wakati mtu mwenye hekima afundishwapo, hupata maarifa.
12 Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala; hamootas ni balleessa.
Mwenye Haki huyajua yanayotendeka katika nyumba za waovu, naye atawaangamiza waovu.
13 Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.
Mtu akiziba masikio asisikie kilio cha maskini, yeye pia atalia, wala hatajibiwa.
14 Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha.
Zawadi itolewayo kwa siri hutuliza hasira na rushwa iliyofichwa kwenye nguo hutuliza ghadhabu kali.
15 Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna; hamootatti immoo raafama fida.
Wakati haki imetendeka, huleta furaha kwa wenye haki, bali kitisho kwa watenda mabaya.
16 Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu waldaa warra duʼaniitti dabalama.
Mtu anayepotea kutoka mapito ya ufahamu, hupumzika katika kundi la waliokufa.
17 Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
Mtu apendaye anasa atakuwa maskini, yeyote apendaye mvinyo na mafuta kamwe hatakuwa tajiri.
18 Namni hamaan nama qajeelaadhaaf, kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
Waovu huwa fidia kwa ajili ya wenye haki, nao wasio waaminifu kwa ajili ya wanyofu.
19 Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
Ni afadhali kuishi jangwani kuliko kuishi na mke mgomvi na mkorofi.
20 Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira; gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
Katika nyumba ya mwenye hekima kuna akiba ya vyakula vizuri na mafuta, lakini mtu mpumbavu hutafuna vyote alivyo navyo.
21 Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
Yeye afuatiaye haki na upendo hupata uzima, mafanikio na heshima.
22 Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
Mtu mwenye hekima huushambulia mji wa wenye nguvu, na kuangusha ngome wanazozitegemea.
23 Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.
Yeye alindaye kinywa chake na ulimi wake hujilinda na maafa.
24 Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” inni akka malee koora.
Mtu mwenye kiburi na majivuno, “Mdhihaki” ndilo jina lake; hutenda mambo kwa kiburi kilichozidi.
25 Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
Kutamani sana kwa mvivu kutakuwa kifo chake, kwa sababu mikono yake haitaki kufanya kazi.
26 Inni guyyaa guutuu kajeela; namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
Mchana kutwa hutamani zaidi, lakini mnyofu hutoa pasipo kuzuia.
27 Aarsaan nama hamaa balfamaa dha; yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse hammam sana caalaa haa balfamu ree!
Dhabihu ya mtu mwovu ni chukizo, si zaidi sana itolewapo kwa nia mbaya!
28 Dhuga baatuun sobaa ni bada; namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
Shahidi wa uongo ataangamia, bali maneno ya mwenye kusikia yatadumu.
29 Namni hamaan ija jabaata; namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
Mtu mwovu ana uso wa ushupavu, bali mtu mnyofu huzifikiria njia zake.
30 Ogummaan, hubannaanii fi karoorri Waaqayyoon mormee milkaaʼuu hin jiru.
Hakuna hekima, wala akili, wala mpango unaoweza kufaulu dhidi ya Bwana.
31 Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama; moʼichi garuu kan Waaqayyoo ti.
Farasi huandaliwa kwa ajili ya siku ya vita, bali ushindi huwa kwa Bwana.

< Fakkeenya 21 >